Walitti Bu’iinsa Amantaa Naannoo Amaaraa

Hordoftoonni Amantaa Musliimaa Magaalaa Finfinnee fi kaani hiriira bahuun Faannoo Balaaleffatan.

Kibxata darbe Naannoo Amaaraa magaalaa Gondaritti walitti bu’iinsa gama amantaan uumameen Lubbuun namaa darbuun himameera.

Mootummaan Naannichaa ibsa baaseen miidhaa qaqqabeefi lubbuu namaa darbeef gaddi guddaan akka itti dhagaahame ibseera.

Kanuma Hordofee guyyaa Roobii Magaalaa Finfinnee keessatti Namootni Masjiida Annuwaartti hiriira bahuun gochaa guyyaa kaleessaa raawwatame mormaa jiru.

Naannoo Amaaraa keessatti Finxaaleyyiin Amaaraa Hidhatanii socho’an yeroo garaagaraatti rakkoo Oromiyaa fi nannolee garagaraa keessatti uumaa jiraachuun isaanii kan yaadatamuudha.

Faannoon Amaaraa haleellaa guyyaa Kiibxataa raawwatame harka keessaa qabu jechuun hordoftoonni amantaa Musliimaa hiriira irratti balaaleffachaa jiru.

Haleellaa Naannoo Amaaraa magaalaa Gondaritti Musliimota irratti Kibxata raawwatameen wal-qabatee shakkamtoonni 280 ta’an to’annoo jala oolfamuu Koreen waloo qaamolee nageenyaa fi tikaa mootummaa Federaalaa beeksise.

Walitti bu’iinsa Gondaritti iddoo awwaalchaan wal-qabatee dhalate ka’uumsa godhachuun kutaalee Itoophiyaa biroo keessatti maqaa amantaatiin jeequmsaa fi hokkora kaasuuf sochiin godhamaa jira jedha ibsi Humni Waloo kun baase.

Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti “qaamolee fedhii humnoota farra-Itoophiyaa ta’anii raawwachuuf socho’an” kanarratti tarkaanfiin fudhatamaa jira.

Haleellaa Eebla 26 magaalaa Gondaritti Musliimota irratti raawwatameen namoonni 20 yoo ajjeefaman, 150 ol madaa’uu Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Amaaraa beeksisee ture.

Haleellaa kanaan masjiidonni, dhaabbileen daldalaa fi manneen jireenyaa Musliimotaa hedduun gubachuus ibsameeraa.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

error: Alert: Kooppii Gochuun Dhorkadha!!