Aanaa sadii hedhadhaa!
Aanaa goota
Aanaa arjaa
Aanaa hayyuu
Aanaa sadii hin hedatinaa!
Aanaa dondha
Aanaa lunna
Aanaa makkala
Aannan sadii hedadha!
Aannan loonii
Aannan hoolaa
Aannan gaalaa
Aannan sadii hin hedatinaa
Aannan fardaa
Aannan harree
Aannan saree
Sadiin waa sadiin badan
Sadi du’aan baddi
Goonni du’aan bada
Dureessi du’aan bada
Hayyichi du’aan bada
Sadi turaan baddi
Durbumman turaan baddi
Bareeddummaan turaan baddi
Arreedummaan turaan baddi
Sadi duraan baddan
Lunni duraan bada
Dondhi duraan bada
Makkalli duraan bada
Ilmi namaa waa sadi keessaa tokko ta’a
Ilma abbaa caalu
Ilma abbaa dhaali
Ilma abbaa dhaanu
Amalli namaa karaa sadiin beekama
Kan abbaan ofirratti beeku kan ambis itti beeku
Kan abbaan ofirratti beeku kan ambi itti hin beekne
Kan abbaan ofirratti hin hin beekne kan ambi itti beeku
Heerri mana ambaa sadi
Heera hariiroo
Yakka
Danuu
Heerri fannoo sadi
Heera maraattuu
Heera Daa’immanii
Heera Dubartii
Heerri daboollaa sadi (ragaa sobaa)
Waan hin dhagahin dhagahe jechuu
Waan hin argin arge jechuu
Waan hin beekne ni beeka jechuu
Jechoonni sadi sadiin jedhaman kun saglan jedhamaniillee ni beekamu sababni isaa jecha tokko
jala jechoota saditu jira. Kanaaf 3×3 = 9 jechuudha.