Siinqee – Dubartootaaf

Oromoon meeshaa aadaa kumaatama qaba; ni ergisa malee hin ergifatu. Meeshaan aadaa Oromoo eenyummaa saba Oromoo ni calaqqisiisa; ni ibsa. Meeshaan aadaa Oromoo saba Oromoo bira darbee orma bareecha. Oromoos ta’ee sabni biroo waa’ee Oromoo kan beeku Siinqee hin wallaalu. Hundaafuu, har’a meeshaa aadaa Oromoo keessaa Siinqee qabannee dhufne.
Siinqeen ulee qal’oo, dheertuufi sorooroo uka hinqabne dha jedhama. Uleen kun kan tolfamtu muka harooressaa irraa akka ta’e maanguddoonni seenaa sabichaa gadi fageenyaan beekan ni dubbatu. Gosti mukaa kun kan filatameefis caalaatti sorooroo fi jabina waan qabuuf akka ta’e ni himama. Akka aadaa Oromootti hojjaan dubartii Siinqee qabattuufi hojjaan Siinqee wal caaluu hin qabu yookiin walqixa ta’uu qaba. Muka Siinqee muranii akkasumaan hin qabatan. Eega muraniin booda bareedinaaf (akka diimatuuf) jecha bakka aarri jiru (baaxii manaa fa’a jala) kaayan.
Siinqee Eenyutu Qabata?
Siinqee kan qabatu dubartoota qofa akka ta’e ni beekama. Siinqee dubartitu qabata yoo jdhamu immoo dubartii hundaa niti, dirqama dubartii heerumtetu qabatuu qaba. Dubartii takkaaf Siinqeen kan isheef kennamu gaafa heeruma ishee, boraatii fi callee waliin, haadha isheerraa kennamaaf. Kanaafuu, Siinqeen “kennaa MISIRROO yookiin idaayyiittii” ti jechuun ni danda’ama. Kennaa Siinqee kana haadha intalaarraa kan fuudhu garuu misirrichaa dha. Hiikni kennaa kanaa immoo “intalakoo siif kennuu qofa osoo hin taane imaanaa sirra kaawwadhe” jechuu dha.
Faayidaan Siinqee Maali?
Uleen inni kaaniif uleen Siinqee tajaajila adda addaa qaba. Fakkeenyaaf, ulee Siinqee akka ulee isa kaabii loon ittiin hin tiksan, bineensa ittiin hin rukutan yookiin ittiin hin ari’an. Faayidaan ulee Siinqee isa kaan irraa adda. Faayidaalee Siinqee muraasa akka itti-aanutti haa ilaallu:
a. Siinqeen Mirga Dubartootaati: Siinqeen akka mallattoo birmadummaa (uumamaan bilisa ta’uu) tti ilaalamti. Kanaafuu, haati intalashee ormatti kennitullee garuu meeshaa ulfoo kana kenniteefii waan gaggeessiteef yaaddoo hin qabdu; abbaa manaa ishee dabalatee qaamni ishee miidhuuf yaalu kamiyyuu sababa Siinqee kanaaf jedhee akka ishee kabajuuf. Dubartoonni Siinqee kanaan mirga haadha-warrummaa ittiin kabachiifatu.
Mirgi dubartootaa abbummaa qabiyyee waliinis wal-qabata. Fakkeenyaaf, dubartiin sun/kun kan kiyya jettee fiixee Siinqee tuqnaan isheef mirkanaa’a; isheenis sobaan fiixee Siinqee tuquuf hin yaaltu; namni biraas kabaja Siinqee tuffatee dubartii san harkaa fudhachuuf hin yaalu.
Yoo abbaan warraa bakka isheen Siinqee harkatti hinqabatiin yoo ishee dhaane (reebe) sagalee addaa (ililfannaa) dhageessisti; dubartootni ollaa ishees walitti himuudhaan Siinqee isaanii qabatanii ishee birmatu. Sagaleen ililfannaa ishee dhaga’amnaan dubartoonni hojii kamillee yoo harkarraa qabaatan battalumatti dhiisanii fiigaa dhaqu; kan kana caalu hin jiru jechuudha. Dubartoonni dura ishee qaqqaban, dubartii sana Siinqee qabachiisanii mana isheetii baasu. Booda dubartootni hunduu faaruu Siinqee faarfachaa gurmuudhaan dhufanii “Seera Siinqee” tu itti fufa. Dhiirri naannoo (keessumaayyuu haati warraa isaanii gumii kana keessa jirtu) atattamaan walitti qabamuun namicha balleesse kana irratti murtoo barbaachisaa isatti murteessu. Adabbiin kennamus akka haala dubartiin suni keessa jirtutuun wal-caala: fakkeenyaaf, yoo ulfa yookiin kan reefuu deessee ciistu taate adabbii cimatu irratti darba. Adabbiin hatattamaan itti hin murteeffamu taanaan garuu dubartoonni waan mana isaaniitti hin deebineef, loon elemaa dhabee mar’ata; daa’imman harma dhabanii boo’u; maatiin hundi nyaata argatanii hin nyaatan.
b. Kabaja (Ulfina) Dubartootaa Hawaasa Keessatti:  Dubartiin Siinqee qabatte, hawaasa keessatti ulfina olaanaa qabdi. Sana booda isheen ofii isheetiiyyuu “Haadha Siinqee” waan taateef dubartoota akkashee waliin hariiroo uummattee sirna hawwaasummaa ishee cimsatti.  Yeroo jilaas Siinqee ishee qabattee baati. Namni dubartii Siinqee qabattee deemtu wogguu arge qaxxaamuruu, ishee dursanii laga ce’uu akkasumas bira darbanii deemuun gonkumaa hin danda’amu (isheen yoo eeyyamteef malee). Daandii irraa goraniitu ishee ceesisu; namni farda irra jirus bu’ee “na ofkalchi” jechuun eeyyamashee gaafatee yaabbata.
c. Nagaa yookiin araara Buusuuf: gosoota adda addaa gidduutti walitti-bu’iinsi yoo uumamu gumiin dubartootaa (Haadholee Siinqee) ililfatanii walgahuun gidduu yoo seenan battalumatti lolli (waraanni) suni ni dhaabbata jedhama. Kanaafuu, Siinqeen meeshaa waraanaa dubartii akkasumas, dhugoomsituu nageenyaa, araaraa fi tasgabbii ti.
d. Yeroo Eebbaa: iddoo namoota eebbisuun barbaachisaa itti ta’etti dubartiin Siinqee ishee qabattee eebbisti. Horii yookiin Loon qalmaaf dhiyaatellee jalaqaba mataadhaa hanga randaatti Siinqee ishee qabattee hariirti (eebbifti) jedhama.
e. Yeroo Kadhannaa:  dubartiin Siinqee qabdu meeshama kanaan Waaqas, namas ittiin kadhatti. Isheenis ta’ee maatiin ykn hawwaasni naannoo Waaqa irraa kan argachuu barbaadan wogguu jiraatu, Siinqee qabatanii kadhatu; “Waaqnillee Siinqeef kabaja qaba” jedhama. Dhimma cimaa tokko nama irraa argachuuf yookiin eeyyamsiisuufillee Siinqee qabataniitu kadhatu. Aaka fakkeenyaatti, kan daa’ima dhabe warra qaban irraa haala guddifachaan wogguu fudhachuu barbaadan dubartiin Siinqee qabattee, aannan ciicoon fuutee fiduun kadhatti; akka Seera Gadaa/aadaa saba Oromootti “haati Siinqee” hin didamtu waan ta’eef ni eeyyamamaafi.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

error: Alert: Kooppii Gochuun Dhorkadha!!