Meeshaalee Oromoon akka ulfootti ilaaluu fi kabaju keessaa Qanafaan isa tokkoodha. Qanafaan meeshaa akka mallattoo deessuu haaraatti, faayaa fi tooftaa to’annoo wal-hormaataatti fayyada.
Qanafaan kanneen akka mukkeenii, callee, gaanfaa fi simaagoo fa’a irraa hojjetama. Qorattoonni tokko tokko ammoo “Qanafaan Calleerraa qophaa’ee, amartiin birriifi muukni harooressaa seentii meetira sadi (3cm) dheeratuufi hanga quba xiqqoo harka namaa qal’atu walakkaatti hidhanii dubartiin deessee ulmaa ciiftu mi’a kallacharratti yookiin addarratti hanga ulmaa baatutti hidhattuudha” jedhu. Keessattuu Oromoo Arsii biratti
Akkuma Siinqee Qanafaanis dubartootaa qofaan kaayatama. Haaluma kallachi adda dhiiraa irratti kaayatamuun akkasuma dubartoonnis Qanafaa kan hidhatan adda isaanii irrattii dha. Dubartiin Qanafaa hidhattu ‘deessuu’ qofaadha. Kanaafuu, Qanafaan aasxaa dubartiin dahuu ishee ittiin agarsiifattu dha jedhama. Akka aadaa Arsiitti dubartiin deessee Qanafaa hidhatte “Wayyuu” jedhamti. Qanafaan godinaalee Oromiyaa addaddaa keessatti tajaajilaaf ooluu dhiisullee, godina Arsiitti garuu beekamaa dha.
Qanafaan akka bareedinaa/faayaattii fayyadullee irra caalatti garuu mallattoo (asxaa) deessuu fi ulfinasheeti. Hawaasa Oromoo biratti dubartiin kamiyyuu kabaja olaanaa kan qabdu taatullee dubartiin dhiheenya deesse ammoo kabaja guddaa qabdi (mootii biyya bituu/hoogganuu malu deessi jedhameetee waan amanamtuuf). Gama biroon immoo dubartiin daa’ima tokko baatii yookiin sagal guutuu garatti baattee nagaan hiikamuun/dahuun ishee gammachuu guddaa waan ta’eef hawaasa biratti sirna addaatiin kabajama. Dubartii dhihoo deesse kanaaf addatti qanafaa hidhuuf, matatti immoo dhadhaa dibuuf, abbaan manaa ishees siree kabajaa isaa isheef gad-lakkisee qofaa isaa ciisa.
Walumaagalatti kabaja addaa dubartii Qanafaa hidhatteef kennamu haalaawwan sadiin xumuruu dandeenya:
- Dubartiin deessuun mana namaa yoo deemte diinqa yookiin gola malee fuldura hinteessisan; dhadhaa dibaniif malee hinbaasan; warri gabaatti waa gurguratu/bitatu jabeessee itti hindubbatu; hin arrabsamtu; karaa dheeraa hin deemtu, deemtus hin qaxxaamuramtu; kan fardarra jirullee bu’eetu ishee yaabbisa; dubartiin qanafaa hidhatte manakeerraa nyaattee dhugnaan “milkii gaarii dha” jedhamee waan amanamuuf hunduu gara manaatti isaan affeera.
- Abbaan manaa ishee dhaanuuf (rukutuuf) gonkumaa hin yaalu, yaalus hin qabu. Sababa kamiifuu ta’ee ishee rukunnaan dubartoota ollaatti ililfatti (sagalee addaan waammatti); Dubartoonni ollaas Siinqee isaanii qabataniitu isheef birmatuuf. Haadholeen Siinqee weedduu “Hanshooshillee…deessuu aannanii, harmee aannanii, maaliif dhaananii, anaan waamanii!…” jedhu faarfachaa walitti qabamu. Dubbiin sadarkaa kanarra ga’e taanaan ammoo adabbii cimaatu isa eeggata. Yaa’anii dallaa/foonaa/darabaa namichaa (abbaa manaa ishee) marsuudhaan too’annoo isaanii jala erga oolchanii booda lammaffaa safuu akkasiitti akka hin cabsine kaksiisanii, tumaalessa ykn korma irraa qalatanii adabu.
- Akka aadaa Oromootti dubartiin qanafaa addatti/kallachatti hidhatte tokko “deessuu haaraa” yookiin kan daa’ima hoosiftu ta’uunshee waan beekamuuf abbaan manaa isheellee hanga isheen daa’ima harma guustutti wal-quunnamtii saalaaf ishee hin kajeelu. Daa’imni sirriitti harma osoo hin hodhin gu’e “humna gahaa hin qabaatu, dhibee adda addaatiifis salphamatti saaxilama” jedhamee waan yaadamuuf dubartii “Haadha Qanafaa” waliin wal-quunnamtii saalaa raawwatanii ulfa biraa uumuun “fafa” [hawaasa keessatti akka salphinaatti kan ilaalamu, kan balaaleffatamu] dha. Yeroo guyyaan ishee gahe (qaamni ishees ta’ee kan daa’imaa woggu jajjabaate) isheenuu Qanafaa ishee sirna addaan ofirraa baasuun bakka kabajamaa kaayyattee ji’a/baatii Shan booda bira ciifti. “Yeroon Qanafaa” osoo hin xumuraminii fi fedha isheetiin ala abbaan manaa yoo safuu cabsee ishee dirqisiisuuf yaale garuu maanguddootti yookiin tuuta Siinqeetti himachuuf mirga qabdi (adabbii Sirna Siinqeetu isarra gaha jechuudha). Kanaafuu, Qanafaan akka tooftaa qusanna maatiittis (dubartootni akka walirraa fageessaa dahaniif) yookiin “Qusannaa Karoora maatii”f ni fayyada jechuu dha.



