Caaccuu – Faaya Aadaa Oromoo

Meeshaaleen/faayyan aadaa Oromoo laakkofsaan hammana jechuun ni ulfaata. kana jechuun faayyan aadaa Oromoo hedduudha yookiin laakka’amee hin dhumu jechuudha. har’a immoo meeshaale aadaa Oromoo keessaa waa’ee Caaccuu dhiheessineerra.
Caaccun meeshaa aadaa Oromoo yoo ta’u mallattoo hormaataa akka ta’etti eerama. Caaccun yeroo bokkaan/roobni roobuuf ture yookiin hoongeen dheerate kadhatanii fi nama ilmoo hin qabneef ilmoo kadhatan irrattis faayidaarra oola. Caaccuu kan godhatu yeroo hedduu dubartoota. Dubartiin caaccuu godhattu ‘Haadha Caaccuu’ jedhamtee beeekamti.
Saba Oromoo biratti, kallachi Waaqa kan bakka bu’u yoo ta’u caaccun immoo dachee bakka bu’a. Akkuma mi’oo dhiiraa malee dubartiin hin ulfoofne, Waaqayyos bokkaa (bishaan) akka dacheen magarsitu godhu roobsee obaasa; lamaanuu barbaachisaadha. Karaa biraatiin yoo himamu, akkuma dhiirri dubartii malee ilmoo godhachuu hindandeenye, caaccuu malee kallachillee tajaajila hinkennu.
Caaccuun meeshaalee aadaa Oromoo kabaja guddaa qaban keessaa isa tokko yoo ta’u kal’ee (gogaa) loonii qaqal’isanii babbaqaqsuun kan qophaa’u dha. Kana jechuun garu kan gogaa loonii irraa  babbaqaqee qophaa’e hundi “caaccuu” jedhama jechuu miti; haala itti qophaa’u fi sirna ittiin “meeshaa qulqulluu” ta’utu jira. Meshaan ulfoo Saba Oromoo kuni ammoo kan godhatamu harka (wrist) mirgaa irrattii dha.
Caaccuu qopheessuuf gogaan loonii qaqal’atee babbaqaqu kunniin lakkoofsaan sagal ta’uu akka qabu maanguddoonni sabichaa ni himu. Haalli Caaccuun itti qophaa’u kuni hiika mataa isaa qaba. Kunis, gogaan loonii qaqal’atanii babbaqaqan mallattoo hormaataa (fertility) yogguu ta’an laakkoofsaan sagal ta’uun isaanii immoo  “guutuu tahuu” (fullness) akka agarsiisu ni ibsama.
Akkuma Kallachi dhiira qofaan keewwatamu Caaccuunis dubartoota qofaan kan keewwatamuu dha. Dubartiin “kallacha nan keeyyadha; bokkuu nan qabadha” hin jettu; kuni immoo safuu cabsuu dha. Akkasuma dhiirris “caaccuu nan keeyyadha; callee nan diradha” hin jedhu; innis safuu eeguuf dirqama qaba. Kunneen lamaan duudhaa fi seera Gadaa dur tureen murtaa’anii kan beekaman waan ta’eef akkuma tibbana dubartoonni uffata dhiiraa uffatan sani meeshaalee kanas saalaan wal-jijjiiruun dhorkaa dha.
Caaccuu keewwachuuf saalaan “dubartii” ta’uun qofti ga’aa miti; heerumanii da’uun dirqama. Kanaafuu, namni dubartii caaccuu keeyyate tokko yogguu argu eenyummaashee (kan heerumtee fi deessuu ta’uushee) ni hubata jechuu dha; “caccuun mallattoo hormaataa ti” kan jedhameefis kanumaaf. Dubartiin deessuun immoo Oromoo biratti kabaja addaa waan qabduuf (ayyaantuu Waaqni dhagayu jedhamtee waan amanamtuuf), ayyaana ishee kana fayyadamuun Waaqa ittiin kadhatti. Fakkeenyaaf, yeroo bokkaan caamu (dhibu) Waaqni akka roobsisuuf dubartiin caaccuu qabdu akka kadhattu ni taasifama; namni dhala yoo dhabes karuma deessuu kanaan Waaqa irraa kadhatamaaf.

Akkuma dhiirri kallacha keeyyatu “Abbaa Kallachaa”, inni Bokkuu qabatummoo “Abbaa Bokkuu” jedhamu, akkasuma dubartiin hortuun (deessuun) Caaccuu keeyyattu (sirna caaccuu raawwattu) kunis “Haadha Caaccuu” jedhamuun waamamti.
Haati Caaccuu kuni yogguu caaccuushee keewwattee gara walgahii yookiin gumii hawwaasaatti baatu dubartoota hunda dura akka eebbiftuuf ni affeeramti. Kan wal-lole yoo jiraates dubartiin Caaccuu keewwatte jiddu lixnaan dafanii dirree araaraatti deebi’u; mariidhaanis waliigalanii nagaa buusu. Kanaafuu, Caaccuun mallattoo hormaataa qofa osoo hin taane meeshaa eebbaa, kadhannaa, dhiifamaa fi nageenyaaf tajaajiluudhas jedhamee amanama.
Saba Oromoo biratti Waaqni (samiin) saala dhiiraan, lafti (dacheen) ammoo saala dubartiin waamamu. Gama biraan Kallachi dhiiraan, Caaccuun ammoo dubartiin qofa akka keeyyatamanis dursinee ibsineerra. Xiinxaluma kanaan,  kallachi kan Waaqa bakka bu’u yogguu ta’u Caaccun immoo dachee bakka buuti. Ka’uumsi hubannoo kanaas, akkuma mi’oo dhiiraa (sperm) malee dubartiin hinulfoofne,  akkasuma Waaqni bokkaa (bishaan) roobsisee yoo obaase malee dacheen biqiltuu tokkollee magarsuu hin dandeessu. Sababa kanaaf jecha, dachee fi dubartiin Oromoo biratti akka mallattoo hormaataatti ilaalamu. Xiinxalli kuni haaluma walfakkaatuun yogguu ibsamu, akkuma dhiirri dubartii malee ilmoo godhachuu hindandeenye, Kallachis Caaccuu malee  tajaajila kennu hin danda’u; sirna Gadaa fi aadaa Oromoo keessatti meeshaaleen kunneen lamaan akkuma saalaawwan lamaanii adda hin bahan jechuu dha.
Kallachii fi Caaccuun akka saalaawwan lamaanii adda hin bahan yogguu jennu tajaajilli isaaniis akka wal-fakkaatu (adda hinbaane) ibsuufiidha. Meeshaaleen lamaanuu araara buusuu keessatti ga’ee guddaa qabu. Jaarsoliin Kallacha, beerren Caaccuu qabatanii araaraaf dhufnaan nagaan namoota jidduutti ni bu’a; dhiibanii araara diduun safuu cabsuu qofa osoo hintaane abaarsa cimaaf waan nama saaxiluuf meeshaaleen kunneen hedduu ni sodaatamu. Haaluma walfakkaatuun meeshaaleen kunniin namaa fi Waaqallee walitti araarsu jedhameetu amanama: namni firri jalaa du’e yoo jiraate meeshaalee kanaan Waaqa waliin araaramee gadda isaa dagachuun gara tasgabbiittii dhufa.
Walumaagalatti ummanni Oromoo kabaja addaa meeshaalee kanaaf (Kallachaa fi Caaccuu) qaburraa kan ka’e dhimmoota ciccimoo hawwaasummaa, dinagdee, siyaasa fi amantaa hunda ittiin raawwata. Raawwii dhimmoota ciccimoo akkanaa akka ga’umsaan hooggananiif ammoo jaarsolii “Abbaa Kallachaa” fi beerren “Haadha Caaccuu” ta’uu danda’an ulaagaa gugurdoo baasanii of-eeggannoo cimaadhaan filatu.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

error: Alert: Kooppii Gochuun Dhorkadha!!