Jaarraa kana keessa hojiin humnaa waan badaaru fakkaata, kunoo dhaloonni har’aa manuma ofii ciisee online gubbatti hojii hojjatee of jiraachisuu bira darbee maatii fi firoota yeroo gargaaran argina.
Kanuma irraa ka’uun nutis gaaffii keessan yeroo dheeraa kan ta’e kunoo akkaataa youTube irraa maallaqa argachuun danda’amu isin biraan gahuuf jenna.
1. Maallaqni YouTube irraa namaaf kaffalamu kan eenyuuti?
Maallaqni dhaabbata YouTube iraa namaaf kaffalama osoo hin taane namoota YouTube gubbaa hojjatan (creators) fi Abbootii qabeenyaa gidduu taa’ee wal nama qunnamsiisa. Abbootiin qabeenyaa immoo meeshaalee isaanii (physical product & digital product) achirraan beeksifatu waan ra’eef maallaqa kaffalu. Maallaqa isaan kaffalan kana immoo harka 100% keessaa 45% Dhaabbata YouTube kaffalama, 55% iimmoo siif kaffalama. Fkn, $1000 yoo kan hojjattu ta’e kan si gahu $550 yoo ta’u $450 immoo Dhaabbata YouTube tu fudhata. Kun immoo seerumaan ykn waliigalteen wan ta’uudha.
2. Dhaabbanni YouTube maallaqa namaaf kaffaluuf Ulaagaan maal?
Ati akkuma YouTube banatteen maallqani siif kaaffalama osoo hin taane dirqama SUBSCRIBE fi LIKE hedduu qabaachuu qabda. Kana jechuun yoo xiqqaate SUBSCRIBE 1000 fi LIKE 4000 ta’uu qaba. Kanaan ala YouTube maallaqa namaaf kaffala kan jedhu soba furdaadha.
3. Seerot barbaachisoo ta’an
Seerri YouTube kanneen guutamuu qaban muraasni
Waggaa tokko keessatti SUBSCRIBE 1000 fi sanaa ol qabaachuu
Woggaa tokko keessatti SA’AATII 4000 fi isaa oliin daawwatamuu
Hub: waggaa tokko ykn baatii 12 keessatti ulaagaa kana hin guunne taanaan waggaa itti aanu kan duraa haqee haara siif galmeessa
Hubannoo dogongoraa (miss understand)
1. YouTube waggaa tokko qofa nuuf laata, waggaan tokko dabarraan maallaqa nuuf hin kaffalu kan jedhu hubannoo dogongoraati. Channel’n kee waggaa barbaade yoo tures waggama itti aanu seeraa yoo guutte maallqa argachuu dandeessa.
2. Channel’n koo waggaa 5 fi isaa ol tureera anaaf YouTube’n maallaqa naaf kafaluu hin fedhu kanaaf adda kutuu qaba kan jedhu hubnnoo dogongoraati. Ati obsa qabaattee hojii gaarii irratti hojjatta taanaan baatii tokkotti milkaa’uu dandeessa.
4. Maallaqni Akkamitti namaaf herreegama?
Kan maallaqa namaaf herreegu ‘Cost Per Mille’ (MPM) waan jedhamutu jira. CPM jechuun namoota 1000 beeksisa vidiyoo kee irraa daawwaatan jechuudha. Innis biyyoota hundatti garaagara. Fkn CPM Ethiopia $1 ykn $2 ta’uu danda’a. Kan Ameerikaa $5 fi isaa ol ta’uu ni danda’a.
Gabaabumatti, vidiyoo kee namoonni 10,000 yoo ilaalan kana keessaa namoonni 5,000 yoo beeksisa argan $5 hanga $10tti argachuu dandeessa.
5. Waliitti dhufeenyi YouTube fi AdSense maali?
Google Adsense (AdSense) dhaabbata google keessaa isa tokkoodha. Innis Dhaabbata Addunyaa hunda irratti karaa beeksisa intarneetiin kafaltii namaaf taasisu keessaa isa duraati.
Nutis YouTube keenya irraa maallqa argachuuf dirqama Gogle Adsense banannee Channel keenyaan walitti hidhuu qabna.
Hojiin AdSense YouTube keessatti maali?
Kan video keenya irratti beeksisa fidu AdSense dha.
Maallaqani keenya AdSense keessatti walitti nuu guurama.
Kan mallaqa keenya gara Bank nuuf deebisu AdSense dha.
6. Hariiroon Copyright fi YouTube maali?
Copyright jechuun mirgi abbumaa seeraan kan eegame jechuudha. Kana jechuun waan nam copy gochuun nu adabsiisuu bira darbee YouTube Channel keenya cufsiisuu danda’a. Kanaaf YouTube Channel keenya seera Copyright kan eege ta’uu qaba.
App As Tuqaa Buufadha RKV




