Oromoon gootummaa dhiheenya kana osoo hin taane kan dur irraa goonfateedha. Ragaan kanaa immoo wareegamni inni naannoo isaa (Oromiyaa) irraa fi biyya isaa (Etophiyaa) irraa diina qolachuuf kaffale ragaa nama Oromoo dhiisii namni ormaatuu hin haalleedha.
Oromoon yeroo baay’ee diddaa gabrummaa irraa kan ka’e mootummaa habashaatiin kokkee wal qabaa tureera. Fakkeenyaaf, lolli gaafa Aanolee Lola Mootummaa habashaa fi Oromoota giddutti adeemsifameedha. Lolli gaafa Aanolee immoo lola Oromoon itti miidhame qofa osoo hin ta’in, lola Oromoon itti miidhages jechuu dandeenya.
Harma Muraa fi Harka Muraan Aanolee yakka sukkanneessaa Minilik ummata Oromoo Arsii irratti raawwateedha. Ummata Oromoo Arsii bakka Aanole jedhamutti walitti qabuun dhiira irraa harka mirgaa dubartiirraa ammoo harma muruun gocha suukanneessaa kana irratti raawwate. Kanas kan raawwate ajajaa gita bittaa Arsii godhuun kan Minilik ramade Raas Daargee ture.
Ajaajaan waraanaa Minilik, ummata Arsii nagaa fi araara dubbannaa koottaa jedhee Aanoleetti akka walga’an waamee. Ummannis nagaa buusuf jecha yaa’ee walitti qabame. Yeroo kana, karaa dhiphoo keessa nama tokko tokkoon akka darban itti himame. Yeroo namoonni karaa dhiphoo kana keessa darbu achitti qabuudhan, warra dhiiraarraa harka mirgaa muranii morma isaanitti fannisanii gad lakkisani. Dubartootarraa ammoo harma muranii mormatti rarraasan.
Namoonni guyyaa sana achitti walitti qabaman tilmaaman yoo xiqqaate hanga nama kuma tokkoo yoo ta’an barreessitoonni tokko tokko hanga kumaa sadi’iillee baayyachuu danda’u jedhu.
Ummanni nagaa dubbachuuf waan dhaqeef, of irraa ittisuuf illee meeshaa waraanaa hin qaban turan.
Gocha kana warri Abashootaa kan raawwataniif, ummata Arsii haaloo ba’uufi salphisuu fi .
Ummanni Arsii Lenjisoo Diigaan durfamuun waggaa saddeetiif loltoota Minilik moo’ee waan deebiseef kana haaloo ba’uuf godhan. Kana qofa odoo hin taane ummanni sodaatee akka isaanif buluu gochuuf ture.
Seerri Ittiin bulmaataa kan isaan irraatti wal dhaban inni kuun LUBAN bulla jedha inni kuun immoo QUBAAN bulla jedha.
Siidaan Aanolee siidaawwan yaadannoo Oromoota gita bittaa dura dhaabbachuun yeroo gara garaatti wareegamaniif ijaaraman keessaa isa tokkodha.
Siidaa Aanolee ilaalchisee waan beekuu barbaaddan shan akka harmaan gadiitti tarraa’eera.
- Siidaan Aanolee eessatti argama?
Siidaan Aanolee godina Arsii magaalaa Ittayyaarraa gara harka mirgaan kiilo meetira 10km irratti argama.
Qorataafi Barsiisaan Seeraa Kadhimamaa Doktoraa Birraatuu Qana’ii iddoon kun bakka waraanni Minilik Oromoota walitti qabee warra dhiiraa harka mirgaa, warra dubartootaa ammoo harma mirgaa itti muredha jedhu.
Oromoon gita bittaa ofirraa qolachuudhaaf qabsoo waggoota hedduuf taasise keessatti Oromoonni Shawaa, Walloo, Arsiin adda durmmaan eeramu jedhan.
Bakki Siidaan Aanolee kun itti argamu ammoo bakka Oromoon Arsii waraana Minilikiifi gita bittaa yeroo san dura dhaabbatee gatii baasaa tureedha. - Aanoleen bakka Minilik itti ijibbaate /xiqqoof miliqedha
Obbo Birraatuun akka jedhanitti Oromoonni Arsii warra Nafxanyaa ofirraa ittisuu keessatti, keessumaa bara 1881 hanga 1886’tti lola guddaa taasisaniidha.
Minilik yeroo gara garaatti duula gurguddaa marsaa jahaaf gara Oromoo Arsiitti taasisee ture. Arsii qabachuu waan dadhabeef aarsaa guddaa itti kaffale.
“Minilik ofiidhuma isaatiiyyuu nagaarita/dibbeen irraa fudhatamee baqatee hanga Mojootti ari’anii xiqqoomaaf lubbuudhaan jalaa miliqe,” jedhan hayyuun seeraa kun.
Obbo Birraatuuf, duula kaaba irraa gara kibbaatti sirni Nafxanyaa taasisaa ture keessatti mormiin guddaan kan isaan mudate Arsii irrattti.
Minilik yeroo sanatti meeshaa ammayaa bittaafi deggersaan Awurooppaa irraa argatuun ol aantummaa qabaatus, Oromoon Arsii akka adda waraana isa biraa salphaatti hin jilbeeffanneef ture.
Keessumattuu naanoo Azulee jedhamtutti Oromoonni mormii cimaa taasisaniin waraanni Minilik namoota hedduu 12,000 ta’an ajjeesuu ragaan ni agarsiisa jedhan.
Abbaas Hajjiis akka jedhanitti bara 1889 mootii ta’uu isaatiin dura duulaawwan taasise hunda keessaa Minilik, kan Arsiitti taasise hunda caalaa hamaafi dhiiga hedduu kan dhangalaaseedha.
“Lafa bal’aa sana qabachuudhaaf bara 1882 hanag 1887 gidduutti duula marsaa jahaaf gaggeesseera,” jedhan barreessaan seenaa kun. - Bakka hojiin jiilchuu/qoor-qalbii cabsuun itti gaggeeffame
Waraanni Minilik uummata Arsii kana nuuf hin ciisan jedhanii waan sodaataniif bara 1886 Aanoleen irratti namootarraa harkaafi harma muran jedhu Obbo Birraatuun.
Qorattoonni seenaa akka himanitti, uummanni Arsii Sirna Gadaa jalatti gurmaa’ee diina ofirraa ittisuuf yaalullee meeshaan hidhatanii turan kan Minilikiin hin gitu ture jedhu.
“Biyyi akka Firaansii biyyoota yeroo san meeshaan Minilikiin deggeraa turan keessaa tokko turte.”
Humna Arsii isa dura dhaabbate kana cabsuuf Minilik meeshaa ammayyaa qofa hin turre kan inni itti fayyadame. Namoota jiilchuudhaaf harkaafi harma muruun tooftaa tokko ture.
Barreessaan Seenaa lammii Firaansi Maarshiyaal dii Salvaayik jedhamu ragaa harkaafi harma muraa hanga ta’e tokko ol kaa’uu danda’uu isaas ni dubbata, Obbo Biraatuun.
Barreessaan kun kitaaba bara 1901 barreesse keessatti, lola Aanoleetiin waggoota 15 booda jechuudha, namoota harki murame ija ofiitiin argee barreessuu kan danda’e.
Hojii jiilchuu kanaan carraa uummanni yeroo Aanole irratti walitti qabamu eegachuutu ture. Akka ragaleen ibsanittis, yeroon isaa Aanoleen irratti guyyaa sirna Baallii dabarsuu gaggeeffamudha. Bara Gadaa Roobaleefi seensa Gadaa Birmajii ture.
Warroonni aangoo dabarsaniifi fudhatan akkaataa Seera Tumaa Odaa Roobaatiin gosti 29 bakka kanatti akka walitti dhufan godhame. Minilikiifi suuftonni isaa ammoo guyyaa kana karaa lamaan dallaa uummata itti fixan ijaarrataniiru.
Isaan keessaa inni tokko karaa namni seenuun harkaafi harma itti muran ture. “Arsiin lammata akka inni mataasaa ol hin qabanneefi qoor-qalbii isaa cabsuuf kana godhan.”
“Harkaafi harma irraa muranis morma isaanii irratti fannisanii akka isaan qabatanii hawwaasa keessaa dhufanitti akka deebisan taasisan. Sanas Arsiin argee jiilee lammata mormee akka jala dhaabbachuu hin dandeenye hamilee isaanii cabsan,” jechuun ibsu Obbo Birraatuun. - Siidaan Aanolee maal ibsa, maaliif ijaarame?
Maalummaa saba tokkoo isa har’aa beekuuf kan darbe qorachuun hedduu barbaachisaa ta’a jedhu Obbo Birraatuun. Seenaa Sabni Oromoon keessa darbe qoratanii yaadachuun kan har’aa cimsachuuf hedduu barbaachisaadha. Yaadannoon wareegamtoota Aanolees kanuma ragaa baha.
Dizaayiniifi ijaarsi Siidaa Aanolee gochi badii gita bittaa sirna Nafxanyaa ummata Oromoo irratti raawwatame akkaataa fi bakka wajjiin kan ibsudha.
“Kaayyoon isaa inni guddaan gochi badii akkasii sun akka hin dabalamneefi dhaloonni dhufu akka irraa baratu gochuudha.”
Akka isaan ibsanitti, dhaloonni waan ta’amee ture kana irraa barachuu qofa osoo hin taane, wanti raawwatame sun beekamtiin yoo laatameef dhaloonni akka nagaa uuman taasisa.
“Siidaan Aabolee Biyya kana keessattillee nagaa buusuuf ga’ee qaba, sababiin isaa, warra biyyaafi uummataaf du’aniif beekamtii kennuun biyyi kun akka isheen nagaa taatu gargaara.
Namoonni lafeefi dhiigni abbootii keenyaa beekamtii argateera, gatii kaffalameefi miidhaan nurra ga’e mul’ateera jedhanii boqonnaa sammuu argatu. Uummanni mallattoo keenya jedhaa gara nagaa buusuutti deebiya.”
Siidaan Aanolee gara lixa Biiftuutti galagalee awwaala irratti harki mirgaa harma of irratti qabatee dhaabbate, yaadannoo wareegamtootaa mallattoo gocha diddaa gabrummaafi tokkummaa ibsa. - Siidaa Aanolee irratti gaaffiin maaliifi eenyyuun ka’a?
Siidaan Aanolee dhaabbachuu ilaalchisee ijjennoo lama kanneen wal-faalleessantu jiru.
Gareen tokko Siidaan Aanolee dhaabbachuu isaa mormuurra darbanii akka diigamuufillee yeroo gara garaa duula gaggeessaa turan warra ol-aantummaa sirna Nafxanyaa deggeraniidha jedhu Obbo Birraatu Qana’ii.
Akka warri morman jedhanitti, ta’e jedhamee saba Oromoofi Amaaraa walitti buusuudhaaf jedhameeti malee waan dhugaa uumameef miti jedhanii mormu.
Gareen lamaffaa immoo Siidaan Aanolee yaadannoo yakka gita bittaa Nafxanyaa dura dhaabbachuuf haarsaa kaffalameedha jedhanii fudhatu.
Akka Obbo Birraatuun ibsanitti, maaliif siidaan kun dhaabbata jedhanii warra boo’antu rakkoo biyya kanatti uumaa jira jedhan.
Yakka bara san raawwatame caalaa kan hammaataa ta’u, kan isaan yeroo ammaa maaliif namoota gocha suukkanneessaan dhuman sanaaf yaadannoon dhaabbata jedhu Obbo Birraatuun. Miidhaa ture beekamtii dhowwachuun yookiin haaluun biyya balaa irra buusa malee furmaata hin ta’u.
Oromoon Arsii erga siidaan kun achitti dhaabbateen booda Amaara tokkoyyu hin tuqne. Kanaaf, Siidaa Aanolee kana irratti maqa balleessiin yookiin haarsaa bara sana kaffalame waanti busheessu yoo dhufe uummata dheekkamsiisa, jedhanii amanu.
Gochi akkasii sun hin raawwatamne’ uummata walitti buusuudhaaf/wal-lolchiisuuf yaadameeti jechuun ijaaramuu Siidaa Aanolee kana kan morman jiru.
Akka Obbo Birraatuun jedhanitti, warra abbootii isaanii harkaafi harma muran caalaa kan nama madeessaa jiran warra Siidaan Aanolee maaliif ijaarame jedhanidha. “Isaan kun gochaafi jecha akkasii irraa of qusachuu qabu,” jedhu.




