Afaan Oromoo hiikkaa google (google translate) keessa galee jira

Afaan keenya, Afaan Oromoo tarree afaanota addunyaa gale yoo jedhamu amanuufis ta’ee dhagahuuf nama rakkisuu danda’a. Afaan saba guddaa kun waggaa dheeraaf itti ifaajamaa kan ture galanni rabbiin haa ga’u amma kunoo bu’aan guddaan gatii ilmaan oromoo (keessattuu ogeeyyii ICT) tiin argamee jira.

Dur afaan keenya, Afaan Oromoo raadiyoo cabsa jedhamaa kan ture amma kunoo raadiyoo bira kutee TV biras kutee osoo raadiyoo fi TV illee hin cabsin; osoo waan tokkootti hin bu’in fageenya dheeraa erga deemaa turee kunoo amma reefuu afaanota addunyaa bira qaqqaba.

Gammachuun guddaan kan saba keenyaa yoo ta’u, diinonni keenya immoo gadda isaanii bira kutee arrabsoo Afaan Oromoo radio cabsa nuun jechaa turan sanaafuu deebii ta’eeraaf jedhen amana. Wanti guddaan Afaan keenya galma yaadame sana gahuudha. Kana jechuun immoo ammayyuu Afaan Oromoo glma barbaadame gaheera jechuu osoo hin taane kan arganne yookiin kan itti milkoofne kana eeggachaa, daran cimsaa kan hafes hojjachaa kan bade immoo barbaadachaa itti deemna.

Fayidaan Afaan Oromoo sadarkaa kana qaqqabuu maali?

Afaan Oromoo sadarkaa kana qaqqabuun isaa faayidaa heddu qaba. Isaan keessaa muraasni:

Guddina Afaanichaatiif gahee olaanaa qaba

Afaan tokko sadarkaa amma Afaan Oromoo irra gahe kanarra gahuu jechuun afaanichi sun hiree guddachuu isaa argateera jechuudha. Fakkeenyaaf, ati dhalataa oromoo taatee nama biyyoota alaa kan afaan oromoo hin beekne kan atis afaan isaa hin beekne karaa kanaan walii galuun ni danda’ama. Kana jechuun ati osoo afaan English hin beekis nama afaan English haasa’u tokko yoo haasofsiisuu barbaadde karaa kanaan waliin haasa’uun baayyee salphaadha.

Ergaa afaanota addunyaa biroon darban salphatti hubachuuf

Kana jechuun immoo namni yaada gaarii yookiin ergaa bareedaa afaan ati hin beekneen dabarsa yoo ta’e ati immoo ergaa isaa gara afaan dhalootaa keetitti hiiktee ergaa sana hubachuu dandeessa. Fakkeenyaaf, dhimma amantaa irratti, xiin sammuu irratti, gorsa irratti, barnoota irratti fi kan kana fakkaatan irratti. Akkasumas atis dhimma kamiinuu irratti kan afaan keetiin barreessite afaaan birootti heektee maamiltoota kee biraan gahuu dandeesa

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

error: Alert: Kooppii Gochuun Dhorkadha!!