Hoteela Dukkanaa fi sodachisoo addunyaa kanarraa

Heteelli kun biyya Ameerikaa keessatti kan argamu gara Hoteela kanaa namni deemu kamiyyuu yeroo bakka argama isaa ga’u iji isaa nii hidhama. Erga hidhamanii booda kutaa dukkanaa geessanii akka waan barbadaan fayyadaman dirqisiifamu. Hojjetoota hoteelicha keessaa hojjetaniif akka keessummeessaniif jecha ifti xiqqoon tokko isaaniif nii kennama. Bilbila qabdu bantee fayyadamuun dhorkaadha akkasuma nyaata fedhakeetii kan ofiikee barbaadde fayyadamuu hin dandeessu.

Hojjetootni ykn keessummeessitootni hoteelichaa nama keessummeessan sana nyaata inni jibbu dursa gaafatu san booda ofii isaaniitii nyaata inni nyaachuu qabu dhi’eessuuf jechuudha. Kanaaf nyaata inni hin beekne fi hin jaallannetu hojjetoota hoteelaa kanaan hojjetameefii kennamaaf. Nyaata hin beekne dukkana keessatti akka nyaatan dirqisiifamu. Hoteelli kunis nyaata hin beekamne dukkana keessatti nyaadhuuf maamila kumaatamaan lakkaa’aman waan qabuuf kara interneetii galmaa’anii toora eeggatanii seenu. 

  1. Hoteela Bishaan Jalaa

Iddoo bashannanaa fi babbareedoo kan qabu Conrad, Ireland  keessatti kan argamtuudha. Baay’ee kan miidhaguu fi bishaan jalatti kan ijaarameedha. Hoteelli kun namoota 40 keessummeessuu danda’a. Bakki ijaarsa hoteelicha bishaan baay’ee qulqulluu ta’e jalatti waan ta’eef waan bishaan sana keessa jiru fagootti arguu danda’u. Gara hoteela kanaa seenuudhaaf kaffaltii guddaatu kaffalama.

 

  1. Hoteela Mana Hidhaa

Hoteelli kun biyya Chaayinaa keessatti kan argamuudha. Fayyadamtootni hoteelichaa gaafa deeman akka hidhamaa tokkootti harki isaanii kateenaadhaan duubatti hidhamaniitu seenu. Gocha suukkanneessa fi hacuuccaa hoteela keessummeessuudha. Kana qofa miti waanta hidhamaan tokko yeroo gara mana hidhaa seenu ulaagaa guutee seenu san, akkasuma namni mana hidhaa kana seenee fayyadamus akkasuma ta’a jechuudha. Erga kutaa barbaadan seenanii boodas balballi mana hoteelichaa ykn kutaa inni seene sanaaf cufaa sibiilaatiin itti cufama. Namootni hoteela kana fayyadaman akka miirri yeroo mana hidhaa itti dhaga’amutti akka itti dhaga’amuuf jecha waan mana hidhaa keessatti raawwatamuu qabu hundatu hoteelicha keessatti raawwata. Mana hidhaa keessa yeroo nyaata fayyadamnu sibiila fayyadamuu hin dandeenyu fakkeenyaaf kanneen akka fal’aanaa jechuudha kunis kutaa fayadamaa sana seenuu hin danda’mu nyaatni kara qaawwaa seenuuf qophaa’eefiitu kennamaaf. 

  1. Hoteela Mana Simbirroo

Hoteelli kun biyya Taayilaandi keessatti argama. Hoteelli kun mana Simbirroo jedhameetu beekama kunis bosona keessatti muka irratti ol fagaatee akka mana simbirrootti kan ijaarameedha. Fayyadamtoota hoteelichaatiif waantotni barbaachisoon iddoo ol fagoo sanatti durseetu kaa’ama, mukaa mukatti funyoodhaan darbuudhaan keessummessitootni nyaata dhiyeessuuf. Mamiltootnis yeroo dheeraa akka achi turan taasifama. 

  1. Hoteela Afuura Du’aa

Hoteelli kun biyya Roomaaniyaa keessatti argama. Fiilmiwwan hedduu irratti hojjechuudhaan kan beekamuudha. Hojjetootni hoteelichaa namoota hoteelicha dhufan waliin akka turuu fi akkasuma nyaata mataa isaanii ajajatu osoo hin taanee dirqamaan kan kennamuufiidha.  Abbaan hoteela kanaa afuura du’aa fi bineensa fakkachuudhaan kan baayee sodaatamuudha. Hoteela kana fayyadamuuf kan seenan kamuu dursa dhiiga isaaniitu ilaalama san booda gosti dhiiga isaanii erga ilaalamee booda nyaatni isaan nyaatan dhi’aataaf. Hoteelichi guutummaadhaan dhiigni itti faffaca’ee kan jiruu fi keessummeessitootni hoteelichaa 

 fuulli isaanii miira sodaa guddaa kan namatti uumaniidha. Namootni gara hoteela kanaa dhufan kamillee dhukkuba laphee kan hin qabnee fi miira sodaa irraa bilisa kan ta’an ta’uu qabu. Hoteela sodaachisoo kun egaa maamiltoota kumaatamaan lakkaa’aman kan qabuu fi gara hoteela kanaa deemuufis kara internet irraa galmaa’uudhaan darabee eeggatanii deemu. 

  1. Hoteela Jaldeessaa

Hoteelli kun Jaappan keessatti kan argamuudha. Jaldeessotni hotaala kana keessaa hojjetan abbaa Hoteela kanaatiin dursanii leenjii kan fudhatan kan umuriin isaanii 14 isaa ol ta’aniidha. Jaldeessonni kuni guyyaatti sa’a 2 kan hojjetan yammuu ta’u hojiin isaanii inni guddaan dhugaatii dhi’eessuudha. Halkan halkan ammo keessummoota gara hoteela kanaa dhufan nii bohaarsu. 

App As Tuqaa Buufadha KLF

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

error: Alert: Kooppii Gochuun Dhorkadha!!