Ummanni Oromoo Ummata Baha Afrikaa keessa jiraatu yoo ta’u, ummatoota Afrikaa keessaa baayi’inaan sadarkaa 3ffaa irratti akka argamu barreessitoonni seenaa ibsanii jiru.
Akka Pirofeesar Hasan Makkiin dubbatanitti; Ummata Afrikaa keessaa kan baay’inaan Oromoo caalu ummata Foolanii fi Howsaa qofa.
Hundeen ummata Oromoo eessa jechuu irratti barreessitoonni seenaa yaada gara garaa dhiheessanii jiru. Gariin isaanii ummanni Oromoo biyya Eshiyaa jidduu Hindiyaatii fi Chaayinaa irraa dhufe yoo hedhan, gariin isaanii immoo iddoola (island) Madagaskar jedhanii jiru. Jaziiraa Arabaa irraa dhufan worri jedhus ni jiru.
Gareen biraa immoo ummanni Oromoo baha Somaalee irraa dhufanii jidduu laga Waabeetii fi Galaana Diimaa (khaliija Adan) bakka jedhamu qubatan jechuun ibsanii jiru.
Barreessaan seenaa Yahuudaa (Ayuhuudii) “Abbaa Belzezar” jedhamu immoo ummanni Oromoo “Israa’iil” irraa dhufe jechuun akkanatti ibsee jira: “Oromoon kolonii Israa’iil kan ture yoo tahu, yeroo Israa’iloonni faffaca’an ummanni Oromoo Afrikatti ce’ee naannoo Kaaba-Baha Afrikaa keessa qubate” jedhee ibseera.
Abbaan kitaaba Seenaa fi Qabsoo Oromootaa yaadni kun kan hin fudhatamnee fi hin dhugoomsamne ta’uu ubseera.
Barreessaan Seenaa Oromoo Beekamaan Sh/Bakrii Saaphaloo kitaaba isaanii “Irsaal As-sawaariik ilaa samaa’i Al-taariik” jedhamu keessatti , yaadota asiin olitti dubbataman kanneen wolitti dhiheessuudhaan yaada jiddu galeessaa lafa kaayanii jaran:
“Ummanni Oromoo duraan kan jiraataa turan biyya Eshiyaa jidduu biyya Indiyaatii fi Chaayinaati, yeroo biyya kana irraa baqatan bakka lamatti qoodamanii karaa lama qabatan: gareen tokko gara Iddoola (Island) Madagaskar deeman. Achi irraan karaa buufata Doonii Mombaasaatiin gara biyya Ityoophiyaa seenan. Gareen kuun immoo (isaan heddummina qabaniidha) gara Eddoola Arabaa deeman, achi irraa karaa Baabal-Mandabiin gara biyya Itoophiyaa seenan. Yeroon isaan garana dhufan kun waggoota 7000 ykn 5000 dhaloota nabi Iisaa (A.S) ykn Iyyasuus dura” jechuun ibasanii jiru.
Gara biraatiin immoo Sh/Bakrii Saaphaloo biyya tana keessa dursanii kan qubatan ummata biraa dura ummata Oromoo tahuu ibsaniiru. Waahema kana irratti gaafii fi deebii armaan gadii kana dhiheessanii jiru:
“Ummata Oromootu gara biyya tanaa dursee dhufe moo hundeeffama mootummaa Habashootaati?”
Deebii isaa kennuu irratti akkana jedhan: “Ummanni Oromoo gara biyya tanaa kan dhufe dhaloota Nabi Iisaa (AS) ykn Iyyasuus dura waggoota 7000 ykn 5000 duratti, dhaabbatni mootummaa Habashaa (akka Habashoonni jedhanitti) woggoota 3000 dura. Kanaafuu dursee gara biyya kanaa dhufee kan qubate ummata Oromoo tahuun ifa galaadha”.
Hadaa Meelbaatis yaaduma kana fakkaatu dubbatee jira. Bara 500 Dh.K.D kaasee hamma bara 100 Dh.K.B gidduu yeroo jiru keessatti Habashoonni sanyii Seem ta’an, biyya Arabaa gara Kibbaa keessaa ka’anii galaana Diimaa ce’anii baddaa biyya Absiiniyaa (Itoophiyaa) jedhanii moggaasanii keessa qubatan. Ummata Kuush worra naannoo sana keessa woggoota 4000 oliif jiraataa turanitti aadaa fi sirna siyaasaa isaanii dabarsuu jalqaban.
Waahee madda Oromoo kana irratti yaadni gara garaa haadhihaatu malee, Ummanni Oromoo Afrikaan alaa dhufe jechuun dubbii qabatama hin qabne ta’uu barreessitoonni seenaa dubbatanii jiru.
Abbaan Kitaabs “Seenaa fi Qabsoo Oromootaa” waahee kana irratti akkana jedhan: Yaadni ummanni Oromoo Afrikaan alaa dhufe jedhu jun yaada dgugaa akka hin taane wanti mirkaneessu; Oromoon osoo Hindi, Faransaayii, Faarisii ykn Israa’ilii kan dhufe ta’ee, ummanni aadaa, afaan, bifaa fi seenaa Oromoo wojjiin walfakkatu biyyoota saniin keessatti argamutu irra jira. Garuu hardha biyyoota dubbataman sanniin keessatti haala tokkoonuu wonti ittiin wolfakkaatan waan hin jirreef; maddi saba Oromoo Afrikaan ala yaadni jedhu hundi dhugaa irraa kan fagaaye jechuudha.
Kanaafuu sabni Oromoo ummata Afrikaa qulqulluu keessaa isa tokko ta’uun hin mamsiisu (hin shakkisiisu).
Barreessaan kitaaba “Seenaa Muslimtoota Itoopiyaa” akkana jedha: Ummanni Oromoo kan irratti argame dachema Afrikaatyi malee alaa hin dhufne. Rabbiin yeroma isaan uumuu dachema kana irratti isaan argamsiise. Wanti alaa dhufe nama jechisiisu kan qabatama qabu hun jiru”.
Hayyoonni hedduunis yaaduma kan deeggaran. Ummanni Oromoo gaanfa Afrikaa Kaaba-Bahaa Somaalee tahuu beektonni hedduun qorannoon mirkaneessaniiru.
Qorattoota kanneen keessaa nama lammii Xaaliyaan “Enkriko Charul” jedhamu, “I.M.Luwis” namni jedhamu fi barreessaan seenaa Yilmaa dheeressaatis maddi Oromoo Kaaba-Bahaa Somaaleeti jechuun barreessanii jiru. Yaadni kunsi hanga bara 1963tti fudhatama argatee ture. Yaada kana kan falleesse qorannoo nama biyya Jarman “E.Haberaland” jedhamuuti. Qorannoon isaa kun maddi Oromoon Kaaba-Baha Somaalee osoo hin taane Baddaa Baalee akka ta’e ibse. Oromoonni achitti horii horsiisuu fi lafa qotiinsaan akka jiraatan addeesse.
Qorannoo isaa kana seenaa qorataan biraatis deeggaree jira. Namni “Charlis T.Beke” jedhamu barreeffama isaa kan bara 1947tti barreesse keessatti: “Oromoon lafa gammoojjii Somaalee irraa dhufe osoo hin taane, naannoo gaara qabu, lafa baddaati” jechuun deeggaree jira.
Akkuma qorannoon asiin olitti dhihaate mirjaneesse kana ragaan Manguddoota (Jaasota) Oromootis maddi Ummata Oromoo Madda Wolaabu tahuu ibsee jira. Qorannoo seenaa Oromoo irratti afoolli Xaasoo Margaa manguddoonni naannoo gara garaa maddi Ummata Oromoo Madda Walaabu tahuu ragaa bahanii jiran. Mangusddoota kanneen keessaa:
- Jaarsota Ituu fi,Hunbannaa: Oromoon Mormor irraa dhufe jedhan. Mormor Godina Baalee, naannoo Mandooyyuu fi Dallo jedhamu qarqara laga Gannaaleetti argamti.
- Jaarsota Arsii: Oromoon Bareedduu kurkurruu irraa dhufe jedhan. Bakki kunis Baaleen keessa Laggeen Weelmalii fi Mannaa jiddutti argama. Laggeen kunniin baddaa Baalee keessaa burqanii Dalloo fi Mandooyyuu irra yaa’anii Gannaaletti galan.
- Oromoonni Wardiyyaa: biyya Keeniyaa keessa jiraatan: Oromoon Tulluu Nam-Dur irraa dhufe jedhan. Manguddoonni Booranaatis akkasuma jedhan. Bakkeen kunis Baale keessa Dallo, laggeen Weelmalii fi Gannaalee jidduttti argamti.
- Oromoonni Maccaa fi Tuulamaa: Oromoon Madda Wolaabuun irraa dhufe jedhan. Maddi Wolaabuu Baale keessa; Aanaa Dalloo, Qarqara Laga Gannaalee, Ganda Bidree jedhamtu cinaadha.
- Oromoonni Gujii: Oromoon bitaa mirga Laga Gannaalee naannoo Girjaa irraa dhufe jedhan. Girjaan naannawa Jamjam, gara muummee (madda) laga Gannaaleetti argama.
Xumura irratti wanti jechuun danda’amu, maddi Ummata Oromoo bakks kana jedhanii jala muruuf qorannoo baldhaa geggeessuun barbaachisaadha. Hagasiif garuu, Oromoon ummata Kuush kan Afrikaa keessatti arganu, bara dheeraa irraa kaasee Kaaba-Baha Afrikaa keessa jiraate; hardhallee jiraataa jiru yaada jedhu qabaachuun barbaachisaadha.
Horaa bulaa


