Oromoo Arsii

Oromoon Arsii Gurmuu Ummataatiini Fi Bal-Dhina Qubsuma Lafaatiin Oroomoota Biroo Irra Kan Caalu Yoo Ta’u Sikkoo Fi Mando Jedhamee Bakka Lamatti Qooama.
Oromoon Arsii Oromoo Biraatiin Adda Ta;uu Baatullee Sirna Fuudhaa Fi Heerumaa.Sirba.Weedduu.Ilaalii.Faaruu Hamoomotaa.Geegayoo,Dhawata.Ayyiikkoo Fi Kkfn Adda Addummaa Ni Qabu.
Jechi Arsii, Arsooma. Arsichaa Fi Arsummaa(Arsiihood)Jedhamu Hundi Nama Dhaloota Gosa Arsii Qabu Kan Ibsu Yoo Ta’u Arsooomni Maqaa Hiddaa Fi Dhiiga Tokkummaa Fi Yaboo (Waadaa)Arsiin Ganama Walitti Kennate Dhaamsa Akaakilee Fi Abaabilee Ilmaan Sikkoo-Mandooti. Arsoomni Nama Ilma Arsii Ta’e Mara Biratti Maqaa Kabajaa .Jaalalaa Fi Obbolummaati,  Baalee Ykn Diida’a Yoo Jennu Maqaa Lafaati Malee Ummanni Gamaa Gamana Waabee Jiru Hundinuu Arsii Jedhamee Beekama.
Daangaan Lafa Qubsuma Gara Ummata Kibbaatiin Silxee.Maaraqoo.Alaaba.Sidaamaa.Wajjin Yoo Ta’u Gara Biraatiin Gujii, Booranaa .
Ituu.Aanniyyaa.Karrayyuu.Tuulamaa Fi Ogaadeeniin Wal Daangessa.
Dur Dur Oromoon Akkuma Walii Galaatti Amantii Waaqeffataa Kan Hordofaa Waan Tureef Amantiin Arsichaallee Waaqeffatama Akka Ta’e Hin Shakkisiisu,  Yeroo Booda Garuu Oromoonni Naannawa Biroo Amantii Islaamaa.Kiristaanaafi Waaqeffataa Wayta Hordofuu Eegalan Oromoonni Arsii Akkuma Baareentummaa Birootti Sababa Adda Addatiin Amantaa Islaamaa Hordofuu Eegalan,  Irra Caalaan Oromoo Tuulamaa Amantii Kiristaanaa Akkuma Hordofu Oromoon Arsii(Sikkoo-Mando)Oromoo Baarentummaa Birootiin Haaluma Walfakkatuun Martinuu Amantii Islaamaa Kan Hordofan Ta,Uun Ni Beekama  Hardhallee Namni Gosa Ilmaan Arsii Ta’e Hundinuu Jechuun Ni Danda’ama (99%)Amantii Islaamaa Hordafa.
Arsii Keessa Gosti Yoo Abaarte Nama Balleessitu Yoo Eebbiftu Nama Badhaaftu Ni Jiran Jehamee Dubbatama. Iasaanis;-“Aawwan Shanan Jedamanii Waamamu Gosti Kunniin ;-Amiinyaa.Awulijaana.Abroonyee.Ataabaa.Fi Adamoonyee Fa’a.
Miseensonni Gosa Shanan Kanaa Arsii Biratti Kabajamaadha.
Arsii Keessaa Gosti Amantii Islaamaa Fudhatan Gosa Kana Akka Ta’e Himama.
Warri Kunniin Ashrafa (Gosa Guddaa Fi Kabajamtuu)Ofiin Jedhu.

Ilmaan Arrsii.
Arsiin Ilmaan Lama(2) Qaba . Isaanis 1-Sikkoo Fi 2- Mando Jedamu,

  1. Sikko Imaan Shan (5) Qaba.
  2. Mando Ilmaan Torba (7) Qaba.


Ilmaan Sikko Shan(5)n ;

1-Bullaalla,2- Wucaale,3- Waajii,4- Jaawwii Fi5- Ilaannii, Jedhamu.
Bullaalla Ilmaan Shan (7) Qaba Isaanis;1- Xiijoo, 2- Ari’aa, 3- Hogolchoo, 4-Abuunaa, 5-Dilinshoo(Gilinshoo) 6-Aabbuu 7-Hum’aannoosa, Jedamu Wucaale Ilmaan (3) Qaba Isaanis; 1- Itayyaa, 2- Booruu, 3- Utaala.
Waajiin Ilmaan (7) Qaba.Isaanis; 1- Jaarsuu, 2-Waarsuu, 3- Liiban, 4-Hulchaayaa, 5- Bodhaa, 6-Alii,7-Folqaa Jedamu.
Jaawwiin Ilmaan (10) Qaba Isaanis ; 1-Geetara, 2-Sabroo.3-Masaraanjii, 4-Waxee,5-Qaasoo, 6-Daagule, 7-Ginboota, 8-Kubee,9-Amiinyaa,10-Suraaraa, Jedhamu, Ilaaniin Ilmaan Lama (2) Qaba. Isaanis; 1-Ada’aa, 2- Ruqus Jedhaman, Ilmaan Mando Turban (7) 1-Raayituu, 2- Hawaxxuu, 3-Karaar, 4-Karrayyuu, 5- Meettaa, 6- Arroojjii, 7- Garjeeda, Jedhamu.
Akka Abbaan Kitaaba “Seenaa Fi Qabsoo Oromootaa” Dubatetti Immoo ; Ilmaan Mandoo Turban Maqaa Isaanii Akka Asii Gadii Kana Taha ; 1- Raayaa, 2- Kajawa, 3-Hawaxxuu, 4- Wanama, 5-Utaa, 6- Waayyuu,7-Biltuu Harroojjii Jedhamu.
Raayyaan Ilmaan Mandoo Keessaa Hangafa Yoo Tahu, Ilmaan (Gosa) 33 Qaba ,1-Abbakara,2-Adaabbaa,3-Amoolaa, 4- Baabayee, 5-Baamoo, 6-Badii, 7-Beebee, 8-Daawwee, 9-Daayyuu, 10-Dawaadiina , 11-Dhaayee, 12-Doodaa, 13-Dubaraa, 14-Gaaroraa,15-Garjeeda,16-Geetara,17-Gidaala, 18-Goofingira, 19-Hamiida,20-Hunxee 21-Illaasa, 22-Loodee, 23-Oborraa, 24-Qaasoo, 25-Saalmalee,26-Samuu, 27-Shaffila,28-Shakmara,29-Sheelada,30-Sheedama,31-Sinaana, 32-Sojjii,33-Walashee, Jedamu.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

error: Alert: Kooppii Gochuun Dhorkadha!!