WAA’EE SAAMSANGII GALAXY S10 FI S10 

Mobaayiliin Sumsung S10 kun keessoo isaatti maalfaa of keessatti qabatee jira kan jedhu ilaalla. Akkuma beekamu yeroo ammaa bilbilli sumsung S10 kun sadarkaa kompiyutera keenya faayidaa isaatiin dachaa caalu irra geenyee jirra. Keessumattuu RAM fi Storage irratti hundaa’uudhaan gara komputera caaluutti dhufaa jira. Mobaayilootni Sumsung S10 kun komputera 5th Generation waliin processor walitti dhiyaatu qabatanii dhufaa jiru.

Akkasuma ariitiin isaanii latop tokko tokko kan baayee gachisiisuudha. Komputera keenya irratti RAM dabaluun yoo danda’amellee seenaa keessa kan hin dhaga’mne mobaayilin tokko hanga RAM 8 ga’uu danda’etuu jira kun waan baayee nama dhibuudha. Galaxy S10n yeroo jalqabaaf kan inni gabaadhaaf dhiyaate display isaa kan screen 5.8, 6.1 fi 6.4 dha. Garaagarummaan isaan gidduu jiru hanga Galaxy S10Plus tti kanaadha. Resolution isaanii  akkuma beekamu HD irra darbeetu jira. Technoloojiin inni irratti display ta’e ammo Dynamic Amoled jedhama. Kunis gosa tekinoloojii display irratti fooyya’iinsa fideedha. Kaameeraan isaanii duubatti argaman mega pexil 12 fi 16n jira. Akkasuma kaameraan duratti argamu ammo Megapexel 10n jira akkasuma viidiyoo kan inni ittiin waraabu ammo 4K dhaanu. 

Waa’ee RAM mobaayila Sumsung S10 haa ilaallu. RAM yeroo hedduu komputera irratti beekna. Garuu mobaayiliniis RAM mataa isaanii nii qabu. RAM gaafa jedhamu akka minjaalaatti fakkeeffama. Minjaala irratti waan adda addaa mijeeffattu, waan hedduu irra keewwattu, achirratti waan hojjechuu barbaaddan tokko toora galfachuudhaan mimmijeeffattu, RAM jechuunis bifuma kanaan kan wal qabateedha. Yeroo baayee namni komputerri fi mobaayiliin busy ta’a jedhaman hedduutu jiru isaan kun yeroo RAM sanatti hojiin heddummatu kan application itti heddummatuudha jechuudha. Kana jechuun baayina waan mobaayila sana irratti hojjechuuf kaa’ameeti. Egaan Galaxy S10n RAM gosa lama qabateetu dhiyaate jechuudha.

Kunis RAM GB6 fi GB 8 dha. Yeroo hedduu Galaxy S10 Plus kan 5G hojjetu irrattiidha kan inni argamu jechuudha. Akkasuma ammo bakki kuufama Sumsung S10 kun storage lamaan as ba’ee ture innis GB 128 fi GB 256 dha. Kun yeroo gabaarra oole baayee kan ajaa’bsiifame ture. Egaa kana qofa miti fuula duratti hanga TB 1 olittii akka deemu kaampaaniin dubbatee ture kunis saffisa technology waliin kan tarkaanfataa deemuudha. Kana malees sumsung S10 kun memory dabalataa hanga GB 512tti fudhachuu kan danda’uudha. 

Gosti Network Sumsung S10n deggeruu danda’uu 2G,3G,4G,LTE fi 5G dha. Akkuma beekamu ammo Sumsung Dual dha. Mobaayiloota jiran irraa adda kan isa taasisu waayee teknoloojii 5G kanaati.  Nuti kan fayyadamaa jirru 5Gn garuu multiple connection jedhameetu beekama kana jechuun 4G nuti fayyadamnu dachaa kudhan jechuudha.  Kana jechuun 4Gn hanga 45MBpersecond data transmit yammuu godhu 5Gn ammo hanga 1GB/stti odeeffannoo second keessatti kennuu danda’a jechuudha.  

Sumsung S10n USB isaan qabatanii dhufanii jiranii fi ittiin beekaman USB Type-C dha. Kunimmoo saffisa guddaa kan qabuu fi kan isaan kompiyuutera waliin walitti hidhamanii data dabarsanillee USB Type-C 3.1 dha  baayee saffiisa guddaa kan qabaniidha. Keessoo isaatti Android 9.0 dha kan inni qabatee dhiyaate. Akkasuma sensaroota hojii adda addaa saffisaan hojjetan kan of keessatti qabatee jiruudha. Egaan maqaan Sumsung maaliif mogga’e kan jedhuufi ayyaaneffannaa waggaa 10ffaa kaampaanichaa irratti kan hundaa’eedha.

Odeeffannoon baatirii isaatii internet 3G yeroo fayyadamnu hanga sa’aatii 12 tti turuu danda’a. kana malees internet 4G yeroo fayyadamnu hanga sa’atii 13, internet wifi yeroo fayyadamnu hanga sa’atii 14 fi yeroo viidiyoo garaagaraa ilaallu ammo hanga sa’atii 18 fayyadamuu dandeenya jechuudha.

App As Tuqaa Buufadha FM

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

error: Alert: Kooppii Gochuun Dhorkadha!!