Faayidaalee Timaatimii, Cuunfaa Loomii fi Abukaadoo

TIMAATIMII
Timaatimiin maqaa saayinsii ”Solanum lycopersicum” jedhamuun kan beekamu yoo ta’u, kompawundootafi albuudota fayyaa qaama namaatiif barbaachisoo ta’an hedduu of keessa qaba.
Bu’aaleen qorannoo woggaa hedduuf timaatimii irratti godhaman akka mul’isanitti:
Koompawundoota Lycopene, Beta-Carotene, fi Chlorogenic acid jedhaman kan keemikaalota tokko tokko (free radicals) seelii keenya miidhan akka miidhaa san hin fidne dhorkan (anti-oxidant) kanniin of keessaa qaba.
Fiber (nyaata qaamaa keenyaan hin bulloofne) guddaa waan ofkeessaa qabuuf gogiinsa garaa hanbisuuf, bullayinsa nyaata saffisisuuf, ulfaatinna qaamaa hirdhisuufi fayyummaa mar’umaan keenyaafis gaaridha.
Bu’aan qorannoolee hedduu akka agarsiisutti koompawundii Lycopene jenne san guddaa waan of keessaa qabuuf carraa kaansarii garaachaa, mur’umaan guddafi kaansarii xannacha pirosteeti ni hirdhisa.
Albuuda Pootaashiyeemi jedhamu kan dhiibbaa dhiigaa akka hirdhatu godhuufi kaalshiyeemii kan jabinna lafeetiif barbachisu guddaa ta’e waan qabuuf dhiibbaa dhiigatiifi fayyummaa lafeetiif kuduraa baay’ee gorfamaadha.
Dabalataan madda Vaayitamin A, C, K1 fi B9 (Folate) waan ta’eef fayyumaa ijaaf, sirna ittisa qaamaaf, sirna ititu dhiigaa fi haadholii ulfaatiif daa’imni gadamessa jiru qaama guutuun akka uumamuuf faayidaa guddaa ni qabaata.
Kanaan alattis koompawuundootni fi albuudonni timaatimii keessa jiran fayyumaa Onnee keenyaaf, bareedinna gogaaf rifeensa keenyaaf shora guddaa tapachuu danda’u.
Nyaanni keenya dhandhama gaarii akka qabaatuuf akka mi’eessituutitti ni tajaajila.
Faayidaalee armaan olitti eerre argachuuf bilcheessinee fayyadamuun gaarii ta’a sababa koompawundonni jenne kunniin yeroo san irra argamaniif.

CUUNFAA LOOMII
Bu’aan qorannoolee hedduu akka addeessutti cuunfaan loomii:
Vaayitamiin C dhaan kan badhaadhefi madda Vaayitamiin C isa guddaa ta’uun sirni ittisa qaamaa keenya akka jabaatu godha.
Nyaata qaaman hin bullofne (Fiber) guddaa waan of keessaa qabuuf gogiinsa garaa hanbisuu, ulfaatinna qaamaa hirdhisuufi fayyummaa mar’umaan guddaa keenyafis gaariidha.
Hammi PH qaama keenyaa madaalawa akka ta’u gargaara.
Bullayinsa nyaataa saffisiisufi oomisha hadhooftu(bile) kan bullayinsa Lipiidiif (coomaaf zayitaaf) barbaachisu ni si’eessa.
Bu’aa wolnyaatissa keemikaala qaamaa ta’anii isaan qamaaf hin barbachifne bulbuluu irrattis gahee qaba
Dabalataan madda albuudota akka pootashiyeemii, maagniziyeemii, kaalshiyeemii, fosfarasii fa’a ta’uunis ni beekama. Kun ammoo sirna narvii kunuunsuufi dhiibba dhiigaa hirdhisuu irratti gahe gudda qaba.
Baakteriyootn dhukkuba fidan hedduun akka wol hin horre ittisuu irratti gahee guddaa taphata.
Dhukkubbi nannoo jilbaa, ciqilee, fi naanno lafeen wolitti dhufu (joint) namatti dhagahamu tokko tokko ni hirdhisa
Qakkee/uttaalloo (Common Cold) woyyeesuufi fayyisuufis ni tajaajila
Gubaa laphees haga tokko ni woyyeessa.
Kormammaa fi gogaan keenyas akka wolitti hin shunturoofne ni godha.
Fayyummaa ija keenyaafis barbaachisaadha.

ABUKAADOO
Abukaadoon vaayitaminootaa fi albuudota dalagaa qaama keenyaaf barbaachisoo ta’an 20 ol of keessaa qaba.
Fkn abukaadoo tokko (~100 g) yoo nyaanne:-
Vitamin K: %26 guyyatti barbaadamu
Folate: 20% guyyatti barbaadamu
Vitamin C: 17℅ guyyatti barbaadamu
Potassium: 14% guyyatti barbaadamu
Vitamin B5: 14% guyyatti barbaadamu
Vitamin B6: 13% guyyatti barbaadamu
Vitamin E: 10% guyyatti qaama keenyaan barbaadamu arganna.
Dabalataanis albuudota akka (Magnesium, Manganese, Copper, Iron, Zinc, Phosphorous,) fi vitamin
A, B1, B2 fi B3) of keessaa qaba.
Pootaashiyeemii guddaa ta’e waan of keessaa qabuuf dhiibbaa dhiigaatiif fudura filatamaa ta’e dha.
Koolestirool qaama keenya keessa jiru hirdhisuu irrattis faayida qaba.
Albuudota fi gartuulee nyaataa fayyummaa onneefi kaleetiif barbaachisoo ta’an hedduu of keessa qaba.
‘Fiber’ (nyaata qaamaan hin bullofne) guddaa ta’e waan of keessaa qabuuf gogiinsa garaa hanbisuuf akkasumas ulfaatinna qaamaa hirdhisuu irratti gahee guddaa taphata.
Dabalataanis fayyumaa Ijaa, gogaa, rifeensa keenyaafi Kaansarii xiqeessu irratti wontoota barbaachisoo ta’an of keessaa qaba.

 


Fayyaa ta’aa! Fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
©Dr. NurediNuredin

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

error: Alert: Kooppii Gochuun Dhorkadha!!