Yaaliin koloneeffattoonni biyyoota Afrikaa gabroomfachuuf taasisan biyyoota muraasa keessatti hinmilkoofne. Biyyoota yaaliin kun keessatti maseene keessaa tokko Itoophiyaadha. Koloniin qabachuuf carraaqqiin Xaaliyaaniin taasiste keessaatti gootonni Itoophiyaa hedduutu wareegaman ; kaan ammoo nibooji’aman; gariin biyyaa bahaan; kaanis ‘Harka hin- kenninu,’ jechuun hanga dhumaatti falmuun biyyaa isaanii bilisa baasan. Warra osoo diinaaf hinjilbeemfatin hanga dhumaatti falman keessaa Garasuu Dhukii isa tokko.
- Gootummaan Garasuu maaliin ture ?
- Garasuu lolaaf kan kakaase maali ?
Garasuu Dhukii abbaa isaa Obbo Dhukii Gulummaa fi haadha isaa Aaddee Warqee Elemoorraa Caamsaa 19, 1897 A.L.H. dhalate. Bakki dhaloota isaas karaa Jimmaarraa magaalaa Walisoo cinaatti kan argamu naannoo Maaruu jedhamutti. Umriin isaa barumsaaf akka ga’een, maatiin isaa waldaa amantii Ortoodooksii Maaruu Mikaa’el jedhamu barsiisaa mindeessuun obbolaa isaa waliin barumsa mana amantichaa akka hordofu taasisan.Garasuun umrii isaa ijoollummaatti barumsa isaa fi jireenya hawaasummaa kanneen birootiin baay’ee cimaa, walii galteerrattis mudaa kan hinqabne waan ta’eef, namoota hunda biratti jaallatamaa ture. Tapha Garasuun jaallatu keessaa inni guddaan fardaan gulufuudha. Akkuma ijoollee abbaa lafaa naannoo Maaruu, ogummaa fardaan gulufuu, gaachana qolachuu, eeboo darbachuu fi , adamoo shaakalaa ture. Abbaa isaa duukaa waltajjii adda addaarratti argamuun akkaataa dubbii barachaa hojiirra oolchuun hunda durse. Ija jabinaa fi cimina isaa kanarraa kan ka’e, bifa farda inni yeroo hundaa guluf i siisuu jaallatuun namootaa fi hiriyoota isaatiin umrii waggaa kudhanitti maqaan masoo, ‘Abbaa Booraa’ jedhu kennameef. Yeroo dirree waraanaa ture farda adii yaabbatullee, maqaa dhuma kanaan hamma lubbuun isaa dabartutti waamamaa ture. Yeroo tokko mootii Hayilesillaasee fi haati warraa isaa giiftii Manan bishaan ho’aa lafa keessaa burqu, isa Walisoo daawwachuuf yeroo deemanitti Garasuun farda isaatiin dura, duraa gulufuun karaa agarsiisaa turuurra darbee uummataa fi mooticha duratti ba’uun waa’ee naannichaa haasawaa qalbii namaa hawwatuu fi ogummaan guutame taasise. Martuu itti gammadee,‘Ijarraa hafi ; guddadhu’, jedheen. Ogummaa fi ciminni akkasumas, ija jabinni isaa qalbii mootii fi giiftii seenee, faara tolaan akka ilaalamu taasise. Odeeffannoo Gabramaariyaam Gaariirraa argamee fi waan guyyicha hubatanirraa kan ka’uun guyyuma sana Finfinneetti waamsiisuun Ministeerra Ittisaa keessatti ajaja mootiitiin akka mindeeffamu ta’e. Loltummaanis waggoota torbaaf erga tajaajilee booda jabinaa fi amanamummaa isaatiin fi latamee itti dhiyeenyaan mooticha akka tajaajilu taasifame. Waggoota muraasaaf mootii erga tajaajilee booda, eeyyama mootiitiin loltoota ilma isaanii Asfaawasanitti makame.
Garasuun loltoota Asfaawasan waliin gara Walloo deemuun achirraas Ambaalaagee kan jiran loltoota Raas Kaasaatti dabalamuun Xaaliyaaniitti duulan. Lola bakka Tamben jedhamtu kan Tigiraayi keessaa jirturratti si’a lama geggeeffameef i kan Maayicawurratti geggeeffame keessaatti loltuu diinaa madfi fi matarayasii, qilleensarraan ammoo, xiyyaaraan gaasii summii facaasuun lolu jala dhaabachuu waan dadhabaniif kaan dhumanii kaan booji’amanii, kaan ammoo baqatanii lubbuun harkaa ba’anii gara Wallootti deebi’uun karaa Warraa Iluu Finfinnee galan. Haala kana keessatti cimina geggeessummaa isaarraan kan ka’e loltoonni Garasuu dursaa turan.
Kumaalaa Garasuun erga Finfinneetti deebi’ees, osoo wal’aansoo fi dadhabbii lolichaa hinjiilin kutannoo fi jaalala biyya isaatiif qaburraa kan ka’e, naannoo dhaloota isaa Maaruutti deebi’uun hojii gootummaa itti fufuuf murteesse. Yeroo kana mootii Hayilesillaaseen hooggantoota waraanaa hedduu waliin biyya Ingiliziitti baqatan. Kaan ammoo, Xaaliyaaniitti harka kennaan; Gariinis nibooji’aman; kaan ammoo nidhuman. Kun marti Garasuu fi gootota muraasa jilbeemfachiisuu hindandeenye. Waggoota shaniif yeroo Xaaliyaaniin biyyicha bulchaa turte keessatti loltuu qopheeffate waliin riphee loluun diina bahaa-gala dhowwaa ture. Kallattiinis ba’uun diina humna lafoof i qilleensaatiin lolu mo’achaa loltoota hedduu booji’aa, barbadeessaa, kanneen jalaa booji’aman deebifachaa qabsoo hidhannoof i hojii gootummaa itti fufe.
Geggeessitoonni Xaaliyaanii fi baandaan sodaatanii si’a hedduu araaraaf jaarsa erganillee Garasuun gargaarsa uummataa fi onnee waan qabuuf shiraa fi kiyyoo isaaniitiin qabamuu hindandeenye. Roorrisaan, kan biyya abbaa qabu gabroomfate, baandaan biyya isaa saamsisuun Orma jala kaatu ramacii caalaa isaa gube. Keessummaa uummanni Itoopihyaa Xaaliyaanotaan Finfinneerratti mulluu ta’e ija duraa baduu dide. Guyyaa tokkollee osoo miilla isaarra rasaasaan rukutamee loltoonni harkaa dhumanii kanneen hafan ammoo diina duratti isa gatanii deemanitti , akkas jechuun yaadannoo isaa barreesse. “Ani Garasuudha; hojii koos xumureera; du’us giroo koo miti; kan na yaaddessu garuu FinfInneen bakki ummanni koo irratti dhume bilisa baatee osoo hinargin du’uu kooti,” jedhuun ture.
Haa ta’u malee yeroo marfame sanatti du’a oolee diinoota harkaa ba’uun madaan isaa fayyee loltoota abdii kutuun faca’an walitti qabuun amma dhumaatti lole. Dhumni hojii gootummaa Garasuus lola Jimmarratti Xaaliyaanii waliin geggeeffamedha. Garasuun loltoota diinaa kan jimmaarra buufatan marsuun yaadesse. Loltoota Garasuun hoogganuun marfamuu cinaatti oduun gara biyyaatti deebi’uu mootii Hayilesillaaseef i gargaarsi Ingilizootaa waan dhaga’ameef, dhangala’uu dhiigaa malee loltoonni Xaaliyaanii warri naannichaa akka harka kennan taasisee, kutaa biyyaa hunda kanneen qabatanis lakkisanii kaan dhumanii kaanis baqatanii ba’uun Itoophiyaan injifannoo argatte. Kumaalaa Garasuunis, Hayilesillaasee fi uummata Itoophiyaa biratti gootummaa fi tooftaa lolaa isaaniitiin hundaa olitti dinqisiifatame. Kanarraan kan ka’e, waamicha mootiirraa taasiifameen loltuu isaa Shawaa Lixaa kan qabsoo finiinsaa turee fi , Jimmaan kan bilisa baase mara dhiisee Finfinnee deeme. “Marti namaa ajajaa waraanaa biyyatti ta’a,” jedhee erga innis akkanatti of beeka ture; hojjiin isaas kanaa gadi miti. Mootiin garuu “Biyya Oromoo fudhachuun olaantummaa na dhabsiisa,” jechuun waan shakkeef, bulchaa konyaa Caboof i Guraagee taasisuun mudde.
Barri jireenya Garasuu gabaabbachaa deemte. Jabinaa fi gootummaan kan harkaa ba’uu hindandeenyetu itti aggaame. Osuma itti gaafatamummaa isaa ba’aa jiruu soorama ba’uu fi dhukubsachuun Garasuu fi roottan isaa fi uummata isaa yaaddesse. Dhukkuba isaa kana ogeeyyiin biyya keessaa waan dadhabaniif, qabeenyaan isaa hundi gurguramee mucaan isaan Kumaalaa Tafarraa Garasuu biyya Ingiliziitti geessee akka yaalchisu ta’e. Achittiis fayyuu akka hindandeenye waan hubataniif gara biyyatti deebi’uun du’aan wal’aansoo qabuu eegale. Dhukkubni kaanseerii inni ittiin qabame daran itti cimee ALH Caamsaa 29, 1958 lubbuun isaa dabarte.” Ulfinan jiraatti dhabe du’aatti hinbarbaadu,” jechuun yagguu lubbuun jiru bakka gootonni Itoophiyaa hundi itti awwaalaman bataskaana Siillaasee osoo hintaane, kan ofii isaa ijaarsise bataskaana Caffoo Mikaa’elitti akka awwaalan waan firoota isaa kakachiiseef, sirni awwaala isaa achuma Maaruutti raawwatame. Seenaan goota Oromoo Kumaalaa Garasuu Dhukii Gulummaa, Maaruutti jalqabee achumatti xumurame.


