Dhala dhabuu (Infertility) – Dr. Gurmeessaa

Dhala dhabuu jedhuun dhiira qofaaf yookiin dubartii qofaaf osoo hin taane waanuma lamaan isaaniiti.

Namni tokko dhala dhabe kan kan jedhamu yoo haati manaaf abban osoo mala ittisa da’uumsaa tokko malee osoo torbetti si’a sadii woggaa tokkoof (ji’a 12’f) walqunnamtii saalaa raawwatan ilmoo dhabaniidha.

Addunyaa kan irratti nama muraasa mitii kan rakkoon kun mudatu. Namootni walfuudhanii osoo mala ittisa da’uumsaa hin fayyadamin wal qunnamtii saalaa ga’aa raawwatan harka 100% keessaa 80% – 90% wagggaa tokko keessaatti carraan ilmoo argachuu ni milkaa’u

 

Sababoota dhala dhabuu

  1. Sababa dhalchuu dhabuu abbaa manaa
  2. Sababa da’uu dhabuu haadha manaa
  3. Haati manaa fi Abbaan manaa wal faana rakkoo qabaachuu

 

Akka Qorannoon Fayyaa ibsutti:

Dhala dhabuun abbaa manaa dhibbentaa 20 (20%)

Dhala dhabuun haadha manaa dhibbentaa 38(38%)

Dhala dhabuu rakkoo isaan lamaanii dhibbentaan 27(27%)

Kan sababni isaa hin beekamne immoo dhibbentaa 15(15%)

 

Rakkinoota dhala dhabuu dubartootaaf sababa ta’an

  • Rakkina Ovuleshiinii (Ovulatory Disorders)
  • Rakkoo oovuleshiinii (Ovulatory disorders)
  • Faffaca’uu tishuu keessoo gadameessaa (Endometriosis)
  • Walqabachuu qaamota hormaataa (Pelvic adhesions)
  • Cufachuu ujummoo oovaarii (Tubal blockage)
  • Rakkoowwan ujummoo oovaarii kanneen biroo (Other tubal abnormalities)
  • Baay’achuu hormoonii pirolaaktiinii (Hyperprolactinemia)

Gama dhiirotaatiin rakkoowwan ykn dhibeewwan dhala dhabuu kanaaf sababa ta’uu malan keessaa:

Dhibee cidhaanii kan oomishaa fi fayyummaa sanyii kormaa irratti rakkoo fidu (Testicular disease)

Dhukkuboota xannacha pituutaarii fi hayipootalamasii (secondary hypogonadism)

Dhibee geejiiba sanyii kormaa (sperm transport disorder)

Kan sababin isaa hin beekamne (Idiopathic)

Yoom immoo mana yaalaa deemnee qoratamuu qabna?

Maattiin tookko akkuma gaa’ela raawwataniin yoo yoo dhala argachuu barbaadanii hanga waggaa tokkootti milkaa’uu dhaban mana yaalaa deemanii ilaalamuu qabu. Yoo umriin haadha manaa waggaa 35 ol ta’e garuu waggaa tokkoyyuu eeguu osoo hin taane ji’a jahatti deemanii ilaalamuun dirqama. Kunis akkuma umriin dubartootaa dabalaa deemuun carraan dhalala dhabuu dubartootaa wann dabalaa deemuuf.

Eenyutu qoratamuu qaba? Haadha maat moo Abaa manaat?

Rakkoon kun hunduma isaanii mudachuu danda’a jedhaamee akkuma armaan olitti eerame isaan lamaanuu qoratamuu qabu sabni isaa rakkoon kan isaan lamaaniyyuu ta’uu mala waan ta’eef. Akka ilaacha hawaasatti wonti dongora ta’e akkuma waan Haati manaa qofti da’uu dhabuutti fudhatanii Haatii manaa koo hin deessu isee biraa fuudhuu qaba jedhanii maatii diiguu fa’atu jira. Kun immoo dogongora waan ta’ee wal qabatiima isaan lamaanuu gara mana yaalaa deemuu qabu.

Mana yaalaa deemuun furmaata maalii qaba?

Manni yaalaa jalqaba dhibee dhala dhabuu sanaaf sababa ta’e adda baafateen booda yaaliin heedduun kennama. Qorichoonni dhiiraaf dubartiif kennamu immoo tokkoo miti, gargari.

Dhiirota dhalchuu hin dandeenyeef – assisted reproductive therapy.

Teknolojii ammayyaa’aa ta’etti fayyadamuun dhiirota sanyii kormaa (sperm) gahaa hin qabne yookiin fayyaa hin taanef sparm fayyaa ta’e qaama dhiiraa keessaa fuudhanii dubartii keessatti hanqaaquu waliin waliitti makuun akka ulfi uumamu gochuufi yaaliiwwan biroollee akkuma dhibeen yookiin rokkoon adda baheen kennumuu na danda’a

Dubartoota da’uu hin dandeenyeef – akkuma rakkoon (dhukkubni) isaanii adda baheen kannen ujummoon ovarii isaanii cufameefi kanneen gadaamessi cachuu baqaqsanii wal’aanuun akka ulfaa’an gochuun ni danda’ama.

Ufii keenyaa of gargaaruuf

Walqunnamtii saalaa torbaanitti al sadiif isaa ol raawwachuu. Keessattuu guyyoota carraan ulfaa’uu ol ka’aa ta’e keessa wal qunnamtii saalaa raawwachuu. Kana jechuun gaafa laguun dhangal’ee irraa kaasee gaafa guyyaa 9ffaa hanga guyyaa 19ffaatti yoo wolqunnamtiin saalaa raawwatame carraan ulfaa’uu ol ka’aadha.

Wontoonni sammuu namaa jeeqan marsaa laguu fi qophaa’uu hanqaaquu irratti rakkoo wan fiduuf hir’isuu yookiin irraa fagaachuun barbaachisaadha.

Ulfaatinni qaamaa yoo baay’ee dabale hir’isuun barbaachisaadha.

Warshaalee keemikaala (kanneen akka farra aramaa) qaban keessa yoo hojjanna ta’e of eeggannoo goddaa taasisuun barbaachisaadha.

Qorichoota sammuu namaa adoochan keessumattuu kanneen akka alkoolii fi tamboo xuuxuu irraa fagaachuun barbaachisaadha.

“Fayyaan Faaya”

Dr. Gurmeessaa Hikoosaa

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

error: Alert: Kooppii Gochuun Dhorkadha!!