Afaan Oromoo Hiikkaa Google (Google Translate) keesa hin jiru ture. Galanni rabbiif hayyoota Oromoo (keessattuu Abdisa Becha Jarra) tiif haa ta’u malee amma tarree afaanota addunyaa galuuf qarree gahee jira.
“Wal taanee jennaan waan barbaanne ijaaruus ta’ee diiguun saba keenyaaf salphaadha”. Ergaa Ogeessa ICT Abdisa Bencha Jarra. Akkana jechuun isaa immoo wal taanee Hiikkaa jechootaas ta’ee wantoota Afaan Oromoo tarree Afaanota addunyaa galchuuf nu barbaachisan hunda irratti waliin haa hojjannuu jechuu isaati. Maarree Hayyoonni Oromoo (Keessattuu warri saayinsii Afaaniif Ogeeyyiin Technologii si’anaa waliin jirtan) hundi koottaa galmee seenaa yoomuu haalamuu hin dandeenye kana irratti galmaa’aan dhaamsa kooti.
Akkamiin immoo gahee kana baana? Trtiibni isaa hoo?
1. Google chrome (Browser) keessan banaa
2. Gmail (Email) keessan login (yoo hin qabaatin creat gochuu qabdu) godhaa
3. Link kana banaa yookiin barreessaa browsara keessanitti galchaa https://translate.google.com/
4. Contribute kan jettu san cuqaasaa (suuraa asii gadii ilaalaa)
5. Qalbeefadhaa: Setting ➔ Languages ➔ Gara gaditti Oromoo Filadhaa (suuraa gadii ilaalaa)
6. Suuraa gara olii irraa iddoo xiyyaa sana ilaaluun gara English – Oromo tti geeddaraa.
7. Suuraa gara olii sana irra ilaalaatii kan namoonni biroo hiikan akka isin gulaaltaniif kaa’ame waan ta’eef isa sirri jettan LIKE cuqaasaa sirrii miti kan jettan immoo DISLIKE cuqaasaa. Yoo jecha yookiin hima sanayyuu hin beektan ta’e immoo SPIK ishee jettu cuqaasaatii gara itti aanutti darbaa.
8. Halluu cuqliisa akkuma cuqaastaniin Himoota English isiniif fida; gara Afaan Oromotti akka hiiktan waan isin ajajuuf yoo beektan ni hiiktan jechuudha.