Calee (Faaya Aadaa Oromoo)

Meeshaan aadaa Saba Oromoo laakka’amee hin dhumu; Sabni Oromoon meeshaa aadaa kumaatama qaba; ni ergisa malee hin ergifatu. Meeshaan aadaa Saba Oromoo Eenyummaa saba Oromoo ni calaqqisiisa; ni ibsas. Meeshaan aadaa Saba Oromoo saba Oromoo bira darbee orma bareecha. Oromoos ta’ee sabni biroo waa’ee Oromoo kan beeku Callee hin wallaalu. Hundaafuu, har’a meeshaa aadaa Oromoo keessaa Callee qabannee dhufnee jirra.
Calleen Maali?
Calleen dooqa halluuwwan gara garaa qabu fi saba Oromoo biratti meeshaa akka faayaatti fayyadu dha. Hedduminaan Calleen uumamaan lafa keessaa argamullee harka namaanis mukkeenii fi sibiilota iraa hojjatamuu ni danda’a.
Callee Eenyutu Dirata?
Warra dhiirotaaf Callee dirachuun seeraan dhorkamuu baatullee irra caalatti worra dubartootaatu dirata. Yeroo Cidhaa, kabaja ayyaanota aadaa addaddaa fi simannaa keessummootaa fi kkf. wogguu bahan dubartootni Calleedhaan of miidhagsanii bahu. Dubartootni Callee halluuwwan adda addaan miidhagde dirachuun isaanii uumamaan kennaa danuun akka guutaman akka agarsiisu ni dubbatama.
Calleen akka faayaatti tajaajilu. Dubartootni addarratti/mataatti keeyyatu; morma isaanii irratti diratu; meeshaa miidhaginaa biroo wojjiin harka isaanii irratti qabatu; uffata isaanii irrattis ni hodhatu. Calleen faaya Oromooti wogguu jennu nama qofaaf miti. Meeshaaleen akka qabee, elemtuu fi hanqalbaa fa’a, akkasumas, fardeenillee Calleedhaan miidhagfamanii yaabbatamu.
Callee fi meeshaaleen biroo kanneen adda-durummaan “faayaaf” yaa oolan malee akka sadarkaa isaaniitti kabajas ni qabu. Kabajni Calleef kennamu garuu isa meeshaalee ulfoowwan biroof (Kallacha, Bokkuu, Siinqee, Caaccuu fi Qanafaaf) kennamuu gadi ta’uu ni mala jedhama. Ni kabajamu jechuun garuu “ni waaqeffatamu yookiin ni itti amanu” jechuu miti. Sabni Oromoo isa waaqeffatuu fi isa akka faayaatti itti fayyadamu addaan baasee saba beekuudha.  

Akka aadaa fi sirna Saba Oromootti Calleen kan waaqeffatamu (WAQA) miti wogguu jennu garuu namoonni Oromoo ta’an hundinuu gocha kanarraa bilisa jechuu hin dandeenyu. Dhalataa Oromoos ta’ee sabni biroo Callee akka faayaatti fayyadamuu dhiisanii dhadhaa dibanii, qabee keessatti buusanii, iddoo dukkanaa’u kaa’anii kan itti waaqeffatan ni jiru. Gochaan akkasii haa jiraatullee Oromoos ta’e saba biroollee akka waliigalaatti bakka hin bu’u; saba kamiinuu keessa namni dhuunfaan gaariis hojjatu badaa hawaasa bal’aa bakka bu’uu gonkumayyuu hin danda’u.

Meeshaa Callee jedhamu kana mallattoo(aasxa) faayaas ta’ee waaqeffannaa kan taasisu maalummaa meeshaa sanaa osoo hin taane ilaalchaa fi gocha namootaati. Meeshaan tokko qofti akka murtoo namootaatti faayidaa addaddaaf ooluu ni danda’a. Kiristaanonni ittiin kadhannaa gaggeessu [“maquxariyaa”]; akkasuma Musliimonnis ittiin du’a (kadhannaa) taasisu; kaanimmoo meeshama kana akka “waaqaatti” kunuunfachuun kan jiraatus jiru. Sabni Oromoo garuu akka aadaa isaatti Callee faaya taasifata (ittiin sanyii/hidda dhaloota isaa lakkaawwata kanneen jedhanis ni jiru) malee hiikoo biraa hin kennuuf!

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

error: Alert: Kooppii Gochuun Dhorkadha!!