GOLA OROMIYAA

WAA’EE SAAMSANGII GALAXY S10 FI S10 

Mobaayiliin Sumsung S10 kun keessoo isaatti maalfaa of keessatti qabatee jira kan jedhu ilaalla. Akkuma beekamu yeroo ammaa bilbilli sumsung S10 kun sadarkaa kompiyutera keenya faayidaa isaatiin dachaa caalu irra geenyee jirra. Keessumattuu RAM fi Storage irratti hundaa’uudhaan gara komputera caaluutti dhufaa jira. Mobaayilootni Sumsung S10 kun komputera 5th Generation waliin processor walitti dhiyaatu qabatanii …

WAA’EE SAAMSANGII GALAXY S10 FI S10  Read More »

Afaan Oromoo hiikkaa google (google translate) keessa galee jira

Afaan keenya, Afaan Oromoo tarree afaanota addunyaa gale yoo jedhamu amanuufis ta’ee dhagahuuf nama rakkisuu danda’a. Afaan saba guddaa kun waggaa dheeraaf itti ifaajamaa kan ture galanni rabbiin haa ga’u amma kunoo bu’aan guddaan gatii ilmaan oromoo (keessattuu ogeeyyii ICT) tiin argamee jira. Dur afaan keenya, Afaan Oromoo raadiyoo cabsa jedhamaa kan ture amma kunoo …

Afaan Oromoo hiikkaa google (google translate) keessa galee jira Read More »

Akkaata YouTube irraa maallaqa itti argannu

Jaarraa kana keessa hojiin humnaa waan badaaru fakkaata, kunoo dhaloonni har’aa manuma ofii ciisee online gubbatti hojii hojjatee of jiraachisuu bira darbee maatii fi firoota yeroo gargaaran argina.Kanuma irraa ka’uun nutis gaaffii keessan yeroo dheeraa kan ta’e kunoo akkaataa youTube irraa maallaqa argachuun danda’amu isin biraan gahuuf jenna. 1. Maallaqni YouTube irraa namaaf kaffalamu kan …

Akkaata YouTube irraa maallaqa itti argannu Read More »

Walitti Bu’iinsa Amantaa Naannoo Amaaraa

Hordoftoonni Amantaa Musliimaa Magaalaa Finfinnee fi kaani hiriira bahuun Faannoo Balaaleffatan. Kibxata darbe Naannoo Amaaraa magaalaa Gondaritti walitti bu’iinsa gama amantaan uumameen Lubbuun namaa darbuun himameera. Mootummaan Naannichaa ibsa baaseen miidhaa qaqqabeefi lubbuu namaa darbeef gaddi guddaan akka itti dhagaahame ibseera. Kanuma Hordofee guyyaa Roobii Magaalaa Finfinnee keessatti Namootni Masjiida Annuwaartti hiriira bahuun gochaa guyyaa …

Walitti Bu’iinsa Amantaa Naannoo Amaaraa Read More »

Hiikkaa Google Afaan Oromoo

Afaan Oromoo Hiikkaa Google (Google Translate) keesa hin jiru ture. Galanni rabbiif hayyoota Oromoo (keessattuu Abdisa Becha Jarra) tiif haa ta’u malee amma tarree afaanota addunyaa galuuf qarree gahee jira. “Wal taanee jennaan waan barbaanne ijaaruus ta’ee diiguun saba keenyaaf salphaadha”. Ergaa Ogeessa ICT Abdisa Bencha Jarra. Akkana jechuun isaa immoo wal taanee Hiikkaa jechootaas …

Hiikkaa Google Afaan Oromoo Read More »

Dhala dhabuu (Infertility) – Dr. Gurmeessaa

Dhala dhabuu jedhuun dhiira qofaaf yookiin dubartii qofaaf osoo hin taane waanuma lamaan isaaniiti. Namni tokko dhala dhabe kan kan jedhamu yoo haati manaaf abban osoo mala ittisa da’uumsaa tokko malee osoo torbetti si’a sadii woggaa tokkoof (ji’a 12’f) walqunnamtii saalaa raawwatan ilmoo dhabaniidha. Addunyaa kan irratti nama muraasa mitii kan rakkoon kun mudatu. Namootni …

Dhala dhabuu (Infertility) – Dr. Gurmeessaa Read More »

Hundee Ummata Oromoo

Ummanni Oromoo Ummata Baha Afrikaa keessa jiraatu yoo ta’u, ummatoota Afrikaa keessaa baayi’inaan sadarkaa 3ffaa irratti akka argamu barreessitoonni seenaa ibsanii jiru. Akka Pirofeesar Hasan Makkiin dubbatanitti; Ummata Afrikaa keessaa kan baay’inaan Oromoo caalu ummata Foolanii fi Howsaa qofa. Hundeen ummata Oromoo eessa jechuu irratti barreessitoonni seenaa yaada gara garaa dhiheessanii jiru. Gariin isaanii ummanni …

Hundee Ummata Oromoo Read More »

Garasuu Dhukii ( Abbaa Booraa )

Yaaliin koloneeffattoonni biyyoota Afrikaa gabroomfachuuf taasisan biyyoota muraasa keessatti hinmilkoofne. Biyyoota yaaliin kun keessatti maseene keessaa tokko Itoophiyaadha. Koloniin qabachuuf carraaqqiin Xaaliyaaniin taasiste keessaatti gootonni Itoophiyaa hedduutu wareegaman ; kaan ammoo nibooji’aman; gariin biyyaa bahaan; kaanis ‘Harka hin- kenninu,’ jechuun hanga dhumaatti falmuun biyyaa isaanii bilisa baasan. Warra osoo diinaaf hinjilbeemfatin hanga dhumaatti falman keessaa …

Garasuu Dhukii ( Abbaa Booraa ) Read More »

Caaccuu – Faaya Aadaa Oromoo

Meeshaaleen/faayyan aadaa Oromoo laakkofsaan hammana jechuun ni ulfaata. kana jechuun faayyan aadaa Oromoo hedduudha yookiin laakka’amee hin dhumu jechuudha. har’a immoo meeshaale aadaa Oromoo keessaa waa’ee Caaccuu dhiheessineerra.Caaccun meeshaa aadaa Oromoo yoo ta’u mallattoo hormaataa akka ta’etti eerama. Caaccun yeroo bokkaan/roobni roobuuf ture yookiin hoongeen dheerate kadhatanii fi nama ilmoo hin qabneef ilmoo kadhatan irrattis …

Caaccuu – Faaya Aadaa Oromoo Read More »

Qanafaa

Meeshaalee Oromoon akka ulfootti ilaaluu fi kabaju keessaa Qanafaan isa tokkoodha. Qanafaan meeshaa akka mallattoo deessuu haaraatti, faayaa fi tooftaa to’annoo wal-hormaataatti fayyada.Qanafaan kanneen akka mukkeenii, callee, gaanfaa fi simaagoo fa’a irraa hojjetama. Qorattoonni tokko tokko ammoo “Qanafaan Calleerraa qophaa’ee, amartiin birriifi muukni harooressaa seentii meetira sadi (3cm) dheeratuufi hanga quba xiqqoo harka namaa qal’atu walakkaatti …

Qanafaa Read More »

error: Alert: Kooppii Gochuun Dhorkadha!!